Hin wallaalle beeka!
•Akka ijikee narran jirre
Ijakee dur na mil’atu akkat-
ormaan kabatamte
•Akka ati kankoon ta’iin
Akkati kan namaa taate
Akkat-ormaan qabatamte
•Hagamuu utuun dhiphadhee
Diigamuu manakee caalaa
Akkan koo sin naasifanne
•Hagamuu utuun maraadhee,
Hagamuu yoon lafa cire
Akkan koo sin taasifanne
•Hin wallaalle beeka garuu,
Qubachuudhaaf qalbiikootti
utuun beekuu na bararta
•Hin wallaalle beeka garuu,
Utuun beekuun si jaalladha
utuun beekuu na mararta
•Xiqqooshee wanta si miidhu
Akkati na miidhaa jirtu
utuun beekuun sii jibbadha
•Hin wallaalle beeka garuu,
Utuun beekuun sii raafama
utuun beekuun sii dhiphadha
•Akka fedhiikeen na miite
Akka haalli badiin qabne
utuun beekuun beekaa yakka
•Akkati sichi koon taane
Hin wallaalle beeka garuu
utuun beekuun beekaa shakka
•Afaan banee na liqimsuuf
Si dhabuukoo ifa baasee
gaafan beeke ardiin duta
•Hin wallaalle beeka garuu,
Beekuudhuman hin barbaadne
gaafan beeke abdiin kuta!
@Walaloo_Jaalalaa24 ❤️
➖➖➖➖➖