Hin wallaalle beeka! •Akka ijikee narran jirre Ijakee dur na mil’atu akkat- ormaan kabatamte •Akka ati kankoon ta’iin Akkati kan namaa taate Akkat-ormaan qabatamte •Hagamuu utuun dhiphadhee Diigamuu manakee caalaa Akkan koo sin naasifanne •Hagamuu utuun maraadhee, Hagamuu yoon lafa cire Akkan koo sin taasifanne •Hin wallaalle beeka garuu, Qubachuudhaaf qalbiikootti utuun beekuu na bararta •Hin wallaalle beeka garuu, Utuun beekuun si jaalladha utuun beekuu na mararta •Xiqqooshee wanta si miidhu Akkati na miidhaa jirtu utuun beekuun sii jibbadha •Hin wallaalle beeka garuu, Utuun beekuun sii raafama utuun beekuun sii dhiphadha •Akka fedhiikeen na miite Akka haalli badiin qabne utuun beekuun beekaa yakka •Akkati sichi koon taane Hin wallaalle beeka garuu utuun beekuun beekaa shakka •Afaan banee na liqimsuuf Si dhabuukoo ifa baasee gaafan beeke ardiin duta •Hin wallaalle beeka garuu, Beekuudhuman hin barbaadne gaafan beeke abdiin kuta! @Walaloo_Jaalalaa24 ❤️ ➖➖➖➖➖
Hin wallaalle beeka! •Akka ijikee narran jirre Ijakee dur na mil’atu… — 💌Xalayaa Jalalaa — TG.ME
April 16, 2026 2K 5