Yoomuu naaf hubadhu Akkan si jaalladhu Waadaa jaalala kee An karaatti… — 💌Xalayaa Jalalaa — TG.ME

Yoomuu naaf hubadhu
Akkan si jaalladhu
Waadaa jaalala kee
An karaatti hin nyaadhu
_
Urjii samii keessan
Foolii kee barbaadaa
Har'as taa'ee kinoo
Ani Suman yaadaa
_
Osoon aduu ta'ee
Siifan kophaatti ifaa
Osoo dhiyoo ta'ee
barareen siif dhufaa
_
Yaanni koo gulufee
Suma faana kaataa
Golli Onnee kootii
Suma qofa baataa
_
Siif yoomuu banaadha
Hin cufamu karri koo
Osoon si jaalladhu
Haa dhumu barri koo
_
Hedduun si jaalladha
Onneen koo si dharraatii
Egereen jiruu kootii
Si qofatti rarraatii...!
_
Qilleensi urgaa kee fidaa
Ormi hin argu fuunfatee
gola onnee koo keessaa
Si qofatu dhuunfatee
_
Jireenya kiyya guutuuf
Si godhadheera mootii
Ati naaf qooda dhuunfaa
Gar tokkee qaama kootii...!✍️🤔
@Walaloo_Jaalalaa
#gammee
 
❤19😭2
March 10, 2026 2.8K 20