Lola dhiisii gali" jettee "Nagaa wayyaa gali" jettee "Nuti… — 💌Xalayaa Jalalaa — TG.ME

"Lola dhiisii gali" jettee "Nagaa wayyaa gali" jettee "Nuti obbolaanii" gali jettee Si'a digdama kakattee Gurbaan gallaan halkan dukkaanaan dahattee Bakka ciisutti galaafattee? Maqaa Oromoon kakachaa Lafee Oromoon taphachaa Dhiigasaatiin teessoo aangoo kee ho'ifachaa... Afaan kan kee warqee-warqee Garaan kan kee dhoqqee-dhoqqee Halkan malee guyyaa hin deemtu Shira malee fira hin beektu, Lafa loota akka bofaa Nagaa jettee? Kan nagaa hin feene si qofa!

June 24, 2026 1.1K 1