Gaaf tokko Ni hubatta Gaaf tokko ni hubatta Siif galuu hin ooluu… — 💌Xalayaa Jalalaa — TG.ME

Gaaf tokko Ni hubatta

Gaaf tokko ni hubatta
Siif galuu hin ooluu
Jaalala kam caalaa
Kabajni akka caaluu

Wal simsiisuu caalaa
Yaada wal hubachuun
Wal shakkuu caalaa
Amantaan jiraachuun

Obsi karaa guddaa
Galma kee si geessuu
Jarreen kun jireenyaaf
Akka barbaachisu

Jireenya kee keessatti
Yeroo ta'e tokkoo
Dhugaadhaan ni bartaa
Ni hubatta gaaf tokko
❤9
January 8, 2026 3.2K 8