Barattoota Kuma 61 Ta'antu Kufan!
Biiroon Barnootaa Oromiyaa bu'aa qormaata biyyaalessaa kutaa 8ffaa naannichaa ilaalchisee odeeffannoo dabalataa ifoomseera. Itti Aanaa Hoogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Bultoosaa Hirkoo akka beeksiisanitti, bu'aan qormaataa kan gadhiifame yoo ta'u, waliigala barattoota qormaaticha fudhatan keessaa dhibbeentaan 86 darbaniiru. Akka Biiroon Barnootaa beeksisetti, qabxiin ceumsaa (passing mark) dhibbeentaa 50 fi isaa ol ta'uun murtaa'eera.
Akka ibsa Dr. Bultoosaatti, naannoo Oromiyaa keessatti waliigala barattoota kuma 415 ta'antu qormaata kutaa 8ffaa fudhate. Kanneen keessaa barattoonni kuma 354 ta'an qabxii darbiinsaa fiduun gara kutaa 9ffaatti kan darban yoo ta'u, barattoonni kuma 61 ta'an immoo qabxii darbiinsaa osoo hin fidin hafaniiru.
@XirrooMedia