Kufaatii Haamilee/Naamusa Yunivarsiitii Amboo‼
========================
Kabajni barattuu #Huudaa_Bakkalaa Yunivarsiitii Ambootti ifatti sarbame!
✍️ Yunivarsiitiileen maqaa isaanii irraa kaasee dhaabbilee hunda hammatan ta'anii, sanyii, amantii fi saala osoo hin ilaalin nama tokko beekumsaa fi gahumsa isaa (merit) qofaan madaalan, wiirtuu haqaa fi yaada sirrii ta'uu qabu turan.
Garuu biyya keenya keessatti dhaabbileen barnoota olaanaa suuta suutaan harkatti gareewwan amantii jajjaboo fi sabboontota dhiphoo kufaa jiru; hiika isaanii dhabuun immoo bakka jibbaa babal'isan ta'aa dhufuun isaanii, wantoota qaanessaa Yunivarsiitii Amboo fi Yunivarsiitii Finfinneetti yeroo eebbifamaa raawwataman irraa ifatti mul'ata.
🖊 Obboleettiin keenya Huudaa Bakkalaa (dura maqaan ishee Maqdas Bakkalaa ture) barattuu kutaa 12ffaa yeroo turte fedhii isheetiin Islaamummaa fudhatte. Erga yunivarsiitii seentee booda ulfaatina barnootaa dandamachuun amantii fi barnoota isheetiin guddatte; fakkeenya naamusaa fi cimaa taate. Jama'aa barattoota Musliimaa Yunivarsiitii Ambootti barnoota sirnaan hordoftee, Qur'aana dubbisuu qofa osoo hin taane hanga hifziitti geesse; hojii isheetiifis badhaasa addaa argatte.
🔗 Bara kana sirna eebbifamaa Yunivarsiitii Ambootti Damee Anesthesia keessatti CGPA 3.93 galmeessuun milkaa'ina guddaa argatte. Fedhii Rabbiitiin Huudaan kabajawwan armaan gadii gonfatte:
☑ Yunivarsiitii Amboo keessatti qabxii olaanaa waliigalaa galmeessite.
☑ Koolleejjii Saayinsii Fayyaa keessatti qabxii olaanaa galmeessite.
☑ Damee Anesthesia keessatti qabxii olaanaa argatte.
☑ Barattuu dubartootaa keessaa sadarkaa 1ffaa taate.
☑ Barattoota dhiiraa fi dubartoota hunda keessaa sadarkaa 1ffaa (Overall Top Scorer) taate.
🥇 Meedaaliyaa warqee waggaa kanaa badhaafamte.
Haa ta'u malee, yeroo sirna eebbifamaa kanaatti loogiin mootummaa dhaabbataa (Structural Discrimination) raawwatame. Huudaan sadarkaawwan kana hunda kan gonfatte ta'us maqaan ishee ta'ee jedhamanii waltajjii irraa haqame. Barattoonni ishee gadi jiran maqaan isaanii waamamee badhaafaman; Huudaan garuu meedaaliyaa warqee fi kabaja ishee ifatti dhorkamte.
Kun maaliif ta'e? Namni sammuu qabu deebii isaa ni beeka. Sababni isaas eenyummaan amantii ishee, hijaabii/niqaabii uffatte fi maqaan ishee duraan ture "Maqdas Bakkalaa" Islaamummaa waliin walqabachuun hoggantoota yunivarsiitichaa keessaa muraasa irratti jibba amantii uume jedhamee himama.
1️⃣ Kabajni ifatti irraa fudhatame, dhoksaan hin deebi'u!
Huudaan dhimma kana hordoftee komii dhiyeessitee booda, Yunivarsiitichi dogoggora isaa dhoksuuf jedhuun waajjira Registrar keessatti meedaaliyaa sadarkaa 1ffaa harka isheetti kenne. Kun garuu dogoggora qofa osoo hin taane, haq-dhabina guddaadha.
Barattuun tokko waggootaaf dadhabdee, hirriba dhabdee galmee olaanaa galmeessiteef badhaasni guddaan maatii fi hiriyyoonni ishee arganitti ifatti kabajamuu isheeti. Kabajni ifatti irraa fudhatame waajjira keessatti dhoksaan meedaaliyaa kennuun hin bakka bu'u.
Yunivarsiitichi dogoggora isaa ifatti amanee, xalayaa mootummaa fi waltajjii irratti dhiifama gaafachuu, akkasumas kabaja ishee deebisuu qaba.
2️⃣
Huudaan Yunivarsiitichatti barattoota dubartootaa fi dhiiraa hunda keessaa sadarkaa 1ffaa qabdi. Kanaafuu sadarkaawwan armaan olitti eeraman, waancaan yunivarsiitichaa, meedaaliyaaleen fi badhaasni hundi ifatti kennamuufii qabu turan.
Garuu Yunivarsiitichi meedaaliyaa tokko qofa dhoksaan kenneef. Bu'aan hojii ishee, waancaan ishee fi kabajoonni hafan eenyutu irraa dhorke?
3️⃣
Dhaabbileen barnoota olaanaa warra egeree biyya ijaaranidha. Hoggansi tokko jibba amantii fi ilaalcha dhiphaa ofii irratti hundaa'uun qabxii fi kabaja barattootaa yoo sarbu, Ministeerri Barnootaa maaliif callisa? Mootummaanis hoggantoota akkasii jibba Musliimootaa (Islamophobia) babal'isan irratti maaliif tarkaanfii hin fudhatu?
Iddoon beekumsaan madaalamu bakka jibba amantiitiin madaalamuun kufaatii biyyaati.