Guyyaan Qormaata Kutaa 12ffaa Ifoomeera. Tajaajilli Madaallii Barnootaa fi Qormaataa qormaata xumura barnoota sadarkaa lammaffaa (kutaa 12ffaa) Waxabajjii 24 hanga Adoolessa 17, 2018 A.L.I. tti akka kennamu beeksiseera. Gama biraatiin, qormaatni biyyoolessaa sagantaa Rimiidiyaalaa Caamsaa 17 hanga Caamsaa 20, 2018 A.L.I. (guyyaan Caamsaa 19 Iid Al-Adhaadha) kan kennamu yoo ta'u, qormaatni ba’umsaa barnoota digrii jalqabaa (Exit Exam) immoo Waxabajjii 2 hanga Waxabajjii 12, 2018 A.L.I. tti ni gaggeeffama. Dabalataan, qormaatni seensaa barnoota digrii lammaffaa fi isaa ol (NGAT) Adoolessa 29 hanga Adoolessa 30, 2018 A.L.I. tti akka gaggeeffamu ibsameera. @Barruubarataa
April 24, 2026 209