Kophaakee Moo’uf Hin Yaalin (Think Win Win) :>Hariiroo namaan waliin qabdu keessattis tahee waanuma kamuu keessatti kophaakoon moo’ee argamuu qaba ja'anii yaaduun barbaachisaa miti. Hanga dandeessuun fedhiin kee qofa osoo hin ta’in fedhiin nama birootis akka guuttamuuf waan dandeeysu godhuuf yaali. Yoo tokko moo’ee waan hunda ifumaa argachuudhaaf fiigu walitti bu’iinsi, walitti mufachuunifii rakkoowwan adda addaa mudachuun ni mala. Kana hambisuudhaan, ofiifis, nama kan birootifis yaaduun gama tokkoon michuuwwan keenya akka baay’atan godha, gama birootiin ammoo nutis gammachuudhaan hawaasa keenya waliin akka jiraannu nu gargaara. Fkn'f Namni waa daldalu tokko Maammila horachuu yoo barbaade waan gaarii dhiyeessuu qofa osoo hin ta’in fedhiifii miira Maamiltoota isaa san beekuufii fedha san guutuu dandahuu qaba. Gaafa fedhii keenya malee jennee fedhiif miira maammila keenyaa irraanfanne boru maamilli keenya nu dhiisee nama meeshaa nuti gurgurru nurraa bitu akka dhabnu, Sun ammoo kasaaraa daldalaa akka nutti fidu dagachuun hin qabnu. Fakkeenyuma kanaan waan hunda keessattuu goggooginsaaf ofittummaa ofirraa fageessuudhaan waan nuufis qaama birootiifis toluu dandahurratti xiyyeeffachuun faaydaa guddaa nuuf qaba. #Guduunfaa: Gaafa waan namatti tolu jannu ammoo daangaa Rabbii eeggatuun dirqama Nama Gammachiistee Rabbi Dallansiifnaan dubbiin darani. Haalaafii Amala keenya hunda nuuf tolchee Karaa sirriirratti Nuhaa tissu. Hariiroo isa waliin qabu tolfatee Nama namaa waliinis jiraatu beekhu Ilaahiin nuhaa taasisu. Horaa bulaa deebanaa 🙏 ✍️ Ali Shafi Ebla 9/2026 Ciroo OBU.
Kophaakee Moo’uf Hin Yaalin (Think Win Win) :>Hariiroo namaan waliin… — BARRUU BARATAA — TG.ME
April 9, 2026 256