RemedialExam Ministreerri barnoota Itiyoopiyaa qormaanni xumuraa… — BARRUU BARATAA — TG.ME

#RemedialExam Ministreerri barnoota Itiyoopiyaa qormaanni xumuraa barattoota remediyaalii bara 2018 kan kennamu jiddugala ji’a Caamsaa irraa eegalee akka ta’u ni eegama jedhe. Ministeerichi hanga ammaatti yeroo qormaanni Remediyaalii kennamu ifatti wanti beeksise hin jiru; garuu odeeffannoon yunivarsiitiiwwan irraa argame akka agarsiisutti, qormaanni kun Caamsaa 17–20/2018 gidduutti akka kennamu mullachaa jira. Barattoonni Remediyaalii bara 2018 ammoo giddugala ji’a Sadaasaa irraa eegalee barnoota isaanii irratti akka argaman ni beekama. https://t.me/Barruubarataa

April 14, 2026 267 1