Yes We do" "Eeyyeen ni dalgna" Eeyyeen InshaAllah ni dalagna. Wanti… — BARRUU BARATAA — TG.ME

"Yes We do" "Eeyyeen ni dalgna" Eeyyeen InshaAllah ni dalagna. Wanti nudaangessu dhimma yeroo qofa. Yeroon ofiisaatiif nutti as deemaa, nutis achi itti deemna. Gaaf tokko walitti dhufana. Lammiilee keenya karaan harakaa badee oliif gadi dhamahu kana kallattii irra keenya. Kallattiin kan milkaa'inaati. Milkaa'inni isa waaru malee isa badu miti. Kadhaan, Godaansi, Wallaalummaan, doofummaan, yeroon itti goodanu nidhufa. Abdii fii onnee guutuun dubbanna. Ergamuu irraa gara ergachuutti, godaanuu irraa gara itti godaanamuutti yeroon itti ceenu nidhufa. Miliyoonota Miliyeenara taasisuu irraatti eeyyeen ni dalgana. Gahaan keenya Allah fakkiifii hiryaa hin qabne qofa. Isa waliin tarkaanfanna. Dubbiin keenyaafii karoorri keenya hunduu fedhii isaatiin niraawwata. Dhimmi kanuma yeroo qofa. InshaAllah kanaaf qoma dhiibnee dubbana. Akka Goobana Ji'aatti, akka ifaa Aduutti gaafa yeroochi gahe addunyaa daawwachiisna. Eeyyamni kan Allaah qofa. "Eeyyeen ni dalgna" "Yes We do"

April 8, 2026 210