🎋Abbaan manaa haadha manaa isaatiif hiriyaa lubbuuti. Yeroo isheen mufattu obsaan dhaggeeffata, yeroo boossu immoo ishee ofitti qabee sossobata. Yeroo tokko tokko qoosaa jaalalaatiin ishetti qoosa. Inni jaalallee qofa osoo hin taane, hiriyyaa ishee guddaadha, nama isheen haalduree tokko malee itti amantu, nama isheen guutummaatti jaallattudha.
🎋Nama yeroo gadda hamaa keessa jirtu battalumatti kolfa fuula ishee irratti kaa'uu danda'udha. Nama isheen duubaan dhaabbattee salaatuu dandeessuudha, haadhaa manaaf abbaan manaa waliin salaatuufii du'aa'ii waliin gochuu caalaa wanti jaalalaa fi gammachuu, akkasuma mi'aa jaalalaa haalaan jidduu isaaniitti uumu hin jiru. Rabbiin gaa'ela keenya hunda irratti mi'aa kana haa buusu Amiiiiiiiiiiiiiiiiin jaa mee
💖💖💖💖💖💖💖
❤️💯❤️🫶#myFamily🫶
@yada_walif
August 29, 2026 47