Irra guddaan waldhaansoodhaa,lubbuu ufii hinjifachuu dandahuudhaa… — Yaada waliif — TG.ME

Irra guddaan waldhaansoodhaa,lubbuu ufii hinjifachuu dandahuudhaa beeki.

Eeee
Jiruun sirritti si qimmiiduu jalqabde taanaan,waan biraan si gahaa jirtu haaratu jiraa hubadhu.

Jaaloo
Gaafa lafaa sitti hammeessan samirra jalaa bahuu yaali,irra caalaan wanti ati gatii laatteefii garaan irratti si dhukkube,yoo al tokko irraa ol siqxee laatu,durumaa waan gatii hinqabne tahuu si barsiisaa beeki.

Obbolaa
Nama si fakkaatu yoo dhabde,kophaa kee bahii jiraadhu malee,bitaafi mirgatti conqol jennaan waa si harkaa badanii beeki.

Haloo
Osoo hunda namaa ni gammachiisa jettee oliifi gaditti raatoftu,ufii gadda irraanfachuu hin dandeenne keessa akka hin galle uf qusadhu.
رضا الناس غاية لا تدرك.
Haloo
Gammachuu argachuu barbaadnaan,akka daa'imaa tahi,daa'imni kolfee taphachuu malee ba'aa namaa baachuuf yeroo hinqabuu beeki, gaaruu immoo,daa'ima tahuu irraa uf argadhu.
September 2, 2026 36