RAKKINNI KAN NAMATTI TOLU
***
Na dhagayi ! Rakkinni yeroo keessa jirtu ulfaataa ta'uu danda'a, dukkanaa’aa fi akka hin dabarretti sitti fakkaachuu danda’a.Yeroo sana, Kun maaliif ana qofa mudate? jettee of gaafatta. Garuu yeroo rakkinicha keessa baatee duubatti deebitee gaafa ilaaltu, wanti si dadhabsiise san waan si boonsu fi si jabeesse ta’uu hubatta.
Dhugaan jiru maali ni beeytaa? rakkinni kan namatti tolu siif darbee gaafa dubbattu qofa.
Yeroo keessa jirtu rakkoo dha, yeroo keessaa baatu immoo barumsa. Yeroo keessa jirtu imimmaani, yeroo darbitu immoo seenaadha. Wanti har’a Qalbii kee cabsaa jiru, boru nama biraa jajjabeessuuf seenaa ati ittiin dubbattu ta’uu danda’a.
Kanaaf yeroo rakkoon si mudatu, abdii hin kutin. Ati rakkoo sana keessa jiraachuu dandeessa malee, rakkoon sun jireenya kee guutuu si Waliin jiraachuufi miti. Guyyaan tokko ni dhufa, yeroo rakkoo sana irraa fagaattee, '' Ani kana keessas darbeera'' jettee ofiin of dinqisiifattu.
Namni har’a jabaa fakkaatu hundi yeroo tokko laafaa ture. Namni har’a gammadaa jiru yeroo tokko boo’uu ture. Namni har’a milkaa’e sunis yeroo tokko kufee ka’uu dadhabee ture. Garaagarummaan isaanii tokko qofa, rakkoon isaan mudate akka isaan Waliin turu, hin eeyyamne.
Kanaaf har’a yoo rakkoon si mudate, abdii kutatin. Obsi, itti fufi, ka’i. Wanti ati har’a keessa jirtu, boru seenaa injifannoo kee ta’uu danda’a.
By: Moha Inspire Copyright ©️ 2026
GALATOOMAA
Share godha 🥰🙏 #Milkaaina #Kayyoo #OromoMotivation #Ethiopia@yada_walif
August 24, 2026 49