Bakka hundatti namaan akka jaallatamtuuf, amala gaarii fi kabaja qabaachuun murteessaadha.
Nama hunda kabaji; sadarkaa isaatiin ilaali
Dhugaa dubbadhu, soba irraa fagaadhu.
Nama yeroo rakkoo keessa jiru gargaaruuf yaali.
Nama dhaggeeffadhu; yeroo hunda ofii kee qofa hin dubbatiin.
Gara laafina fi obsa qabaadhu.
Waadaa galte yoo ta’e, eegi.
Nama tokko fuulduratti waan gaarii, duuba isaa waan badaa hin dubbatin.
Ofii kee ta’i; nama gammachiisuuf amala sobaa hin uffatin.
Namni kabaja kennu, kabaja argata; namni garaa namaa tu'u, jaalala argata. ❤️
@yada_walif
August 24, 2026 50