💍 Osoo Fudhaa fi Heerumatti Hin Seenin Dura!
Fuudhaa fi heerumni imala jireenyaati; imala kana keessatti immoo gufuun akka jiru beektee, qophii gahaa godhuun barbaachisaadha.
Akka jireenyi kee gara fuulduraa milkaa'uuf qabxiilee kanneen sammuutti qabadhu:
•Karoora maaliifi fuuta ? , fi wanni ati bultii eega jaarratte booda barbaaddu maali addaan hubadhu.
Kaayyoo nama barbaaddu Osoo hin barin dura, karoora jireenya keetii sirriitti adda baafadhu..!
•Obsaan Filadhu: nama siif tahu filachuuf amata tokko ta'u amata 3 tahu obsuun rakkoo hin qabu. Garuu yeroo hunda nama karoora keeti fi ilaalcha keeti waliin walitti deemu qofa filadhu.
•Qalbii fi Ija teetiif nama Tasgabbii Filadhu: Nama qalbiin tee itti gammaddu, iji tee itti qananiitu fi nama imala fuulduraa kee irratti cinaa kee dhaabbachuu danda'u qofa filadhu.
•Nama Yaada Ketii wajjiin walitti Deemu Filadhu: Nama amantaa fi mul'ata kee osoo boodatti hin deebi'in, dugda siif kennee si wajjin deemu filadhu..!
•Bultii kijibaan hin jalqabin :Waan hin qabne niin qaba hin ja’in ,waan qabduus guddistee hin himin..
"Ani nama waa hundaan fakkeenya ta'uu danda'u miti, garuu niin tattaafadha " ja’i jalqabuma irraa dhugaa itti himi.
•Wal komachuun jireenya keessatti jalqaba jaalalaati fi karaa wal hubannaati ammoo yeroo hunda galata walii wallaalani wal komachaa ooluun bultii diigaa itti himi.
"Jaartii tee tahuun duratti haadha ilmaan keetii tahuu ni dandeeysihi " hubadhu.
⚠️ Akeekkachiisa Bultii Keessatti:
Dhiiraaf: "Intalti tun ajaja kiyya hin gootu" jattee nama yaaddu cinalle hin bahin.
Dubartootaaf: "Namni kun anaa gadi ajaja isaa fudhachuu hin danda'u" jattee yoo yaadde, itti hin heerumin!
Waa hunda olitti garuu :
Namni ni karoorfata, ni tattaafataas; garuu waan Rabbiin siif file caala wanni caalu hin jiru.
Yeroo hunda akka Rabbiin nama diini fi duniyaan itti milkooytu siif filu Du'a'ii kadhadhu!
Maddi ; Kitaaba “Ilaa Abnaa’ii , Wa banaati” Abdul Kariim Bakkaar ja’u osoon dubbisu nama fayyada jachuu yaannaan irraa isiniif qoode.
Inf fb a.m
@yada_walif
August 24, 2026 53