Namni guyyaa qiyaamaa iddoo tokkorratti walitti qabama.
✅ haafiza qur'aanaa malee✌️
💠malaayikaa..!
💠malakaa dalagaa namaa barreessan,kabajamoo, qulqulluu wajji tayu.
✅Guyyaa qiyaamaa namni hundi walirraa dheessa haafiza qur'aanaa /ilma diin bare malee
💠inna haadhaafi abbaa soqa taaja kabajaa isaan uffisuuf
💎qur'aanni jannata siseensisee qofa sirraa hin hafu,siwajji tura haga sadarkaalee jannataa keessa olfagaattutti isa qara'aa (qara'i, olkori, akka addunyatti qaraatutti )jedhama.
💎Osoo beekee warri qur'aana irraa fagaate waan argatu gammachuu/qananii irraa yeroo qur'aana qara'uu jalqabu, silaa wallahi yeroo takka qur'aana irraa duuba hin deebi'u
💎namni qur'aana qara'uu dadhabe...
Isa dabarte "iddoon bohartii "Osoo inni argachuu dandayu.
💎💡barakaa qur'aanaa irraa
🌺rabbiin s.w barakaa godha sammuu nama qur'aana qara'uufii haffazuu keessa..
🔹abdul malik bin umeyr irraa odeeffamee:
(Namni summuun isaa guutuudhaan turu warra qur'aana qara'u),
🔹oduu/ madda biraatiin immo:
(Namni sammuun isaa irra qulqulluudhaa warra qur'aanaati),
🔸qurxubiin rahimahullu akkana jedhan:
Namni qur'aana qara'u sammuu isaatiin qanani'a osoo waggaa 100 Lee gahe!
🔶imaamu ibrahim, maqdisiyyiidhaaf barataa abbaas ibnu abdidaaimiif dhaamsa dhaaman _rahimahumullau:
(Qaraatii qur'aanaa heddummeessi isa hin dhiisin, wanni barbaaddu hanga qaraatii keetiitiin sii laafaa deema),
🔶Abuzzannaad akkana jedhe:
(Yeroo obboroo gara masjida rasuulaa S.A.W yeroo bahu ,mana tokkorra hindhufu isa keessa nama qur'aana qara'u jiraatu malee),
🔹shekh al islam ibnu teymiya akkana jedhan:
(Ani hin agarre wanta sammuufii ruuhiif dhihana tayu, kan qaama tiksu,kan gammachuu fidu ,qur'aana hedduu dubbisuu caalaa),
🔹gariin warra qur'aana hiikuu/mufassiraa akkana jedhan:
(Nuti qur'aanaan shaagalamnee jennaan, barakaan keyriin hedduun addunyaa keessatti nuhaguugde );
🔶Rabbiin warra qur'aanaa, warra hallanyaa rabbii nu haa taasisu🌷
https://t.me/maada_beekumsaa