📝 Ergamaan RABBII ( Sallallaahu Aleyhi Wasallam) Akkana jedhan:
"Dhugumatti, qaanfii fi iimaanni guutummaatti walitti hidhamanii jiru. Yoo isaan keessaa tokko ka’e (dhabame), inni kaanis achummaan dhabama." Jedhan Nabi Muhammad ( Sallallaahu Aleyhi Wasallam)
📝 Eeyyee, namni har'a 'Like' fi 'View' argachuuf jedhee sooshaal miidiyaa irratti safuu fi qaanfii mulqatee waan qaamaan dubbachuun itti ulfaatu barreessu, iimaanni isaa daaraa bubbeen fuute ta’ee jira!
📝 Haa beeku! Namni addunyaa fi deeggarsa ilma namaa qofa hordofuun qaanfii fi maali-jennuu of keessaa godaansise, guyyaa tokko iimaana malee du’uuf carraan isaa baay’ee dhihoodha. Sooshaal miidiyaan har'a akka salphaatti irratti kolfan kun, bor qabrii keessatti ibidda ta'ee nama nyaata; daqiiqaa muraasaaf namoota duratti beekamuun, boru RABBIIN biratti salphachuu fi hoonga'uu fida. Namni qaanfii hin qabne daangaa hin qabu; namni daangaa hin qabne immoo dhumti isaa jahannam keessatti ta'a.
Rabbi haa nu baraaru!"


