Sooma Aashuuraa‼️ Aashuuraa jechuun guyyaa 10ffaa ji'a Muharram, ji'a… — MADDA BEEKUMSAA — TG.ME

‼️🌙 Sooma Aashuuraa‼️

Aashuuraa jechuun guyyaa 10ffaa ji'a Muharram, ji'a jalqabaa lakkoofsa yeroo Islaamaati.

Guyyaan kun seenaa guddaa qaba. Rabbiin guyyaa kana Nabi Muusaa fi ummata isaanii cunqursaa fir'oon irraa baraaree galaana ceesise. Yeroo Nabi Muhammad gara Madiinaa dhufan, Yahuudonni
guyyaa kana soomaa akka turan arganii sababaa isaa gaafatan. Isaanis Rabbiin Nabi Muusaa guyyaa kana baraare. Kanaafuu guyyaa kana soomuun akka rabbiin galateeffatan ibsan.

Nabi Muhammad ﷺ immoo:
“Nutu Muusatti isaan caalaa itti aana.”
jedhanii guyyaa sana soomanii, nutis akka soomnu karaa nuuf godhan.

Irra caalaan:
• Guyyaa 9ffaa fi 10ffaa Muharram soomuu.
• Yookaan guyyaa 10ffaa fi 11ffaa soomuu.
• Yoo hin danda'amne guyyaa 10ffaa qofa soomuunis ni danda'ama.

Soomni Aashuuraa sunnaa guddaa Nabii Muhammad ﷺ irraa nu ga'e keessaa tokko. Guyyaa galata Rabbii, yaadannoo injifannoo haqaa fi carraa ajrii guddaa argamsiisuudha.

Kanaaf akka salphaatti laaluu dhiisnee niyyannee haa soomannuun dhaamsa keenya
.
❤6😘3
June 23, 2026 854 2