Yunivarsiitiiwwan Saayinsii fi Teeknoloojii Barattoota Haaraa Simachuuf Galmee Eegalan!
Yunivarsiitiin Saayinsii fi Teeknoloojii Adaamaa (ASTU) fi Yunivarsiitiin Saayinsii fi Teeknoloojii Finfinnee (AASTU), barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 fudhatanii dhibbeentaa 50 fi isaa ol galmeessisan simachuuf galmee eegalaniiru.
Carraan kun kan kenname barattoota damee Saayinsii Uumamaa (Natural Science) qofaaf yoo ta'u, barattoonni ulaagaa kana guuttan qormaata seensaa fudhachuun bara barnootaa 2019'f dameewwan barnootaa (Applied Science) fi Injinariingii jalatti barachuu ni dandeessu.
Yeroon galmee kanaa Hagayya 25 irraa eegalee hanga Qaam'ee 03, bara 2018 halkan walakkaa sa'aatii 6:00tti qofa kan turu ta'a. Barattoonni ulaagaa guuttan marsariitiiwwan dhiyaatan (https://stuoexam.astu.edu.et, www.aastu.edu.et, ykn www.astu.edu.et) fayyadamuun toora interneetiin galmaa'uu ni dandeessu.
Guyyaan qormaatichi itti kennamu erga galmeen xumuramee booda kan ifoomu yoo ta'u, qormaatichi giddugala qormaataa isin yeroo galmee filattanitti qaamaan argamuun kan kennamu ta'a. Iddoowwan qormaataa barattoonni muraasni qofti itti galmaa'an gara iddoo qormaataa dhiyeenya jiruutti makamuu akka danda'anis hubachiifameera.
Barattoonni qormaata kanaaf dhiyaattan, gosa barnootaa Baayooloojii, Keemistirii, Fiiziksii, Herregaa fi Afaan Ingiliizii (barnoota kutaa 9ffaa hanga 12ffaatti kennaman) irraa qophii gahaa akka taasistan yunivarsiitiiwwan kunneen dhaamaniiru. Dabalataanis, guyyaa qormaataa waraqaa qabxii kutaa 12ffaa bara 2018,(Admission card) ykn waraqaa eenyummaa, fi ragaa mirkaneessa galmee keessanii qabattanii argamuun dirqama.
👇👇👇👇👇👇👇👇
https://www.youtube.com/@SmartAcademy-i7

