BARATTOOTAA FI MAATII BARATTOOTAAF!
Bu’aa qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 (A.L.I) ilaalchisee odeeffannoowwan jiran odeessaalee miidyaa "Smart Academy "a ministeera barnootaa irraa itti dhiheenyaan hordofaa jirra.
Akkuma beekamu, ibsi waliigalaa qabxii barattootaa Ministeera Barnootaatiin ifa godhameera; haa ta'u malee qabxiin barataa dhuunfaa karaa marsariitii (website) fi ergaa gabaabaa (SMS) hanga ammaatti guutummaatti hawaasaaf hin gadhiifamne.
Kanaafuu, maatiin barattootaas ta'e barattoonni, odeeffannoowwan sobaa, oduuwwan dharaa fi liinkiiwwan (links) dogoggoraa yeroo ammaa miidiyaa hawaasaa irratti tamsa'aniin akka hin burjaajofnee fi hin dhiphanne cimsinee isinii dhaamna.
Qabxiin barattootaa karaa sirrii fi ofiishaalaa ta'een akkuma ifoomeen, haala salphaan akkamitti ilaaluu akka dandeessan saffisaan isiniin kan geenyu ta'a. Hanga yeroo sanatti obsaan akka nu eegdanii fi tasgabbii keessan akka eeggattan kabajaan isin gaafanna.
👇👇👇👇
https://www.youtube.com/@SmartAcademy-i7
August 24, 2026 56