#Barsiisotni 40, 384 Jijjiirraa Kan Gaafatan Yoo Ta'u, Bu'aan Isaa #Guyyaa_ Roobii Kan Ibsamu Ta'uun Beekame.
------------
BBO - Hagayya 24/2018 Biiroon Barnootaa Oromiyaa jijjiirraa barsiisotaa ganna 2018 'online'n akka iyyatan haaluma gaafatameen, barsiisotni MBBB -3,374 MB. Sad. 1ffaa - 28,513 MB Sad. 2ffaa - 8, 497 walitti barsiisotni 40 384 kan iyyatan ta'uun beekameera.
Barsiisota iyyatan keessaa 35,595 tajaajilaa, 3, 518 gaa'elaanifii 1, 271 immoo rakkoo addaatin kan gaafatan ta'uun hubatameera.
Haaluma kanaan bakkeem duwwaan(Vacancy) Mannee Barnootaa baasan/ barsiisaa irratti barbaadan/ 8 , 221 banaa ta'uu Moosaajii irratti kan gad-dhiifame yoo ta'u, iddoo banaa ta'e keessaa 2,511 irratti barsiisaan tokkollee kan hin iyyanne/hin gaafanne ta'ee mul'ateera.
Iddoo duwwaa dhihaatan keessaa iddoo 1, 013 irratti dorgomaa malee namoota tokko tokkoon waan irratti iyyatameef namootni 1,013 jijjiirraa kana argachuuf carraa bal'aa horataniiru.
Walumaa galatti, bu'aan jijjiirraa kanaa Guyyaa Roobii Hagayya 27/2018 Waaree Booda kan ifoomu yoo ta'u,
Barsiisotni komii qabna jedhan yoo jiraatan Hagayya 28 - 29/2018 (Kamisa Ganamaa hanga Jimaata Galgala Sa'aa 12:00tti Qofa) Komii Isaanii Liinkii kenname kanarratti dhiheeffachuu kan danda'an ta'uu isin beeksifna.
Liinkichi :- https://tmis.oeb.gov.et/admin/transfer-complains

















