Barattoota Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa Bara Kanaatiin Qabxii… — Smart Academy — TG.ME

Barattoota Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa Bara Kanaatiin Qabxii Olaanaa Galmeessan!

Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 ilaalchisee, barattoonni ciciimoon damee Saayinsii Uumamaa fi Saayinsii Hawaasaatiin guutummaa biyyattiitti qabxii olaanaa galmeessisan akka armaan gadiitti qindaa'aniiru:

🔬 DAMEE SAAYINSII UUMAMAATIIN (Natural Science):

🥇 1ffaa : Barataa Jaalaal Girmaa
Qabxii: 591.6 galmeessisuun guutummaa biyyattiitti sadarkaa 1ffaa qabateera. Barataan kun Mana Barumsaa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa (WMO / ODA Special Boarding School) kan magaalaa Adaamaati.

🥈 2ffaa : Barataa Roobeel Geetaachaw
Qabxii: 590.08 galmeessisuun guutummaa biyyattiitti sadarkaa 2ffaa qabateera. Barataan kun Mana Barumsaa Bultii Addaa Liichgoogoo (Lichgogo Boarding School) kan Godina Haadiyyaati.

🥇 Dubarootaan 1ffaa : Barattuu Hiddaasee Zamanaa
Qabxii: 583.03 galmeessisuun guutummaa biyyattii dubaroota keessaa sadarkaa 1ffaa qabatteetti. Barattuun kun naannoo Amaaraa Mana Barumsaa Injiibaaraa Agawuu Midirii ti.

🌍 DAMEE SAAYINSII HAWAASAATIIN (Social Science):

🥇 1ffaa : Barataa Saadam Abdulaaziiz
Qabxii: 576.25 galmeessisuun guutummaa biyyattiitti dhiirota keessaa sadarkaa 1ffaa qabateera. Barataan kun Mana Barumsaa Bultii Addaa Ifaa Boruu Dodolaa ti.

🥇 Dubarootaan 1ffaa : Barattuu Maqdalaawit Suraafeel
Qabxii: 569.17 galmeessisuun guutummaa biyyattii dubaroota keessaa sadarkaa 1ffaa qabatteetti. Barattuun kun Mana Barumsaa Boolee Suuppar Hoolii Seeviyeer (Bole Super Holy Saviour) kan magaalaa Finfinneeti.

Miidiyaan Abdii Sabaa barattoota ciccimoo abdii biyyaa ta'an kana, maatii isaanii fi manneen barnootaa isaaniitiif "Baga gammaddan, baga gammanne!" jechaa, barattoota hundaaf carraa gaarii hawwa!

visit👇👇👇👇
https://www.youtube.com/@SmartAcademy-i7
Telegram
ABDII SABAA
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 💬Contact Us💬 @AbdiiSabaaDm 🎯BARNOOTAAF @abdii_sabaa_university
August 25, 2026 56