Hagayya 18/2018
Ergaa Ariifachiisaa Hoggansa Barnootaa Aanaalee hundaaf.
Barsiisota jijjiirraa on line guutanii jiranu kanneen ulaagaa hunda guutuun jijjiirraa gaafatan ragaa isaanii sirriitti sakatta'uun approve gochuufii qabdu. Kanneen ragaa sobaa, gosa Barnootaa isaan hin ilaallanne guuttatan, tajaajila sobaa, madaallii sobaan guutanis sirriitti sakatta'uun erga mirkaneeffattanii booda reject gochuu qabdu. Kanaafuu Aanaaleen hunduu namoota ulaagaa sirrii ta'een jijjiirraa kana guutan hundaaf sa'atii ammaatii kaastanii hanga guyyaa boru sa'atii 8:00 gadiitti sakatta'uun approve godhaa xumura. Aanaaleen kallattii kana hojiirra hin oolchine seeraanis kan isin gaafannu ta'uu beekuun raawwadha.
➡Hubachiisa:- Aanaaleen ragaa dogoggoraan osoo hin qulqulleeffatin approve yoo gootan qaamni kana raawwate hanga hojiirraa gaggeeffamuus adabbii akka qabu beekuun karaa of eeggannoo qabuun raawwadha.
G/G:-
#obbo Anuwaariif
#"Woldaa Barsiisota Godinaatiif

