Jabaluu Abukaatto haqaa Seenaa badde baasu Barruu isaa takkiittiin… — WALOO KHALID — TG.ME

Jabaluu


Abukaatto haqaa
Seenaa badde baasu
Barruu isaa takkiittiin
Diina waywaachisu

Leenca ja'e waamuus
Hin gitun madaaluu
Anis abbaan qaba
Abbaa Leenca caalu

Badhaasa Rabbiiti
Kan ummata Islaamaa
Maqaan isaa Ammaddiin
Jabaluun beekkama

Yoo laaltu nam tokko
Garuu kumaa olii
Ijji budaa hin argin
Ammaddiin Jabalii
👍5🥰4❤2😘1
July 29, 2026 1.2K 1