Iccitii Balaa (Musiibaa)
Balaan ykn rakkoon namatti bu'u bifa sadiin ilaalun ni danda'ama.
1ffaa. Adabbiif,
2ffaa. Qormaataf,
3ffaa. Tarbiyaaf
Tarii jireenya keenya keessatti balaan (musiiban) adda addaa nu qunnamu danda'u. Musiiban nu qunnaman gosoota armaan olii sadan keessaa hin bahan.
1ffaa. Adabbiif yommuu jennu namni badii osoo hojjatu daangaa Gooftaa isaa darbuun of miidha. Yeroo kana Rabbiin (subhaanahu wa ta'aalaa) akka gara Isaatti deebi'uuf namticha ykn garee namootaa kanatti balaa (musiibaa) erga. Qur'aana keessatti ni jedha: "Dhugumatti, akka isaan deebi’aniif adabbii guddaa dura adabbii xiqqaa isaan dhandhamsiifna.” Suuratu As-Sajdah 32:21
(Adabbiin xiqqaan rakkoolee, musiibaa, dhibee fi balaa adda addaa addunya tana keessatti nama muudataniidha. Adabbiin guddaan immoo adabbii Aakhiraati. Akka namoonni badii irraa buqqa’uun gara Rabbii deebi’anii amananii fi hojii gaggaarii hojjataniif, adabbii Aakhirah guddaa dura adabbii xiqqaa isaanitti buusa.)
Kanaafu, namni kanniin keessaa ta'uu of beeke, gara Rabbii olta'aatti deebi'uun, araarama kadhachuu fi hojii gaggaarii hojjachuun of dhaqqabuu danda'a.
2ffaa. Qormaataaf yommuu jennu immoo wanta keessa namoota jiru ifatti baasuuf wanta hin jaallannee isaanitti buusudha. Qormaanni kuni wanta isaan keessa jiru ifatti baasa. Obsa, dhugummaa iimaanaa isaaniitii fi amaloota dhokatoo biroo ifatti baasa.
Fakkeenyi kanaa: akka barataa daree qorumsaatti qoramuuti. Akkuma qormaanni daretti qoraman ciminna barataa ifatti baasu, musiiban namatti bu'us jabinna iimaanaa fi obsa namaa ifatti baasa.
Qur'aana keessatti Rabbiin subhaanahu wa ta'aalaa ni jedha: "Dhugumatti sodaa fi beela irraa wanta tokkoon, akkasumas qabeenya, lubbuu fi fuduraale irraa hir’isuun isin qorra (mokkorra). Warra obsan gammachiisi. Isaan yeroo balaan isaan tuqe, “Innaa lillaahi wa innaa ileyh raaji'uun (Dhugumatti nuti kan Rabbiiti, nuti gara Isaatti deebi’oodha.)” Jedhaniidha. Isaan warra faaruu fi rahmanni Gooftaa isaanii irraa ta’e isaan irra jiruudha. Warri suni isaanumatu qajeelfamoodha. ” Suuratu Al-Baqarah 2:155-157
Yeroo kanatti wanti namarraa eeggamu: obsuu, abdii qabaachu, iimaana irratti gadi dhaabbachuu fi wantoota badaa hojjachu fi dubbachuu irraa of qusachuudha.
3ffaa. Tarbiyaaf (barsiisuuf, leenjisuu fi qulqulleessuuf) namni hanqinnaa fi dadhabinna baay'ee qaba. Kanaafu, hanqinnaa fi dadhabbi kanarraa isa qulqulleessuu fi isa jabeessuuf musiiban adda addaa itti bu'a. Akkasumas, isa barsiisuu fi leenjisuufis rakkoon adda addaa isa qunnama. Fakkeenyi kanaa akka wattaadara (loltu) ibidda keessaan utaalu fi gaara irraan gadi bu'uun leenji'uuti. Rakkoo kana hunda kan arguuf isa Leenjisuu fi jabaa akka ta'uufi. Namni musiiban itti buutus haaluma kanaan leenjisuu fi jabeessuuf ta'uu danda'a. Kanaafu, musiiban (balaan) yommu namatti bu'u, namni Ar-Rahmaanin komatu hin qabu. Ar-Rahmaan musiibaa kan namatti erguuf namaaf rahmata gochuufi malee nama miidhufi miti. Akkuma warqiin ibiddaan waddamee qulqulleefamu, namnis balaa adda addaatin qulqullaa'e nama gaarii fi sadarkaa guddaa irra gahu ta'a.
Rasuulli Sallallahu aleyhi wassalam akkana jedhan:
"Namoota hunda caalaa qormaanni kan itti cimu Nabiyyoota, ergasii saalihoota. Ergasii hundarra gaarii kan ta’e, itti aane gaarii kan ta’eedha. Namni hamma amanti isaatiin qorama. Amantidhaan cimaa yoo ta’e, qormaanni isaa cimaa ta’a. Yoo amantidhaan laafaa ta'e, hamma amanti isaatiin qorama. Gabrichi hanga zanbii irraa qulqulluu ta'ee dachii irra deemutti qoramu itti fufa." Tirmizi 2398 Qophiin by Ifa Islaamaa