🕰️ Gorsa Ijoollee Sa’aatii Kubbaa fi Taphatti Fixanif
Yaa obboleeyyan koo…
Sa’aatiin yeroo keessaa qabeenya guddaadha. Namni yeroo isaa eegu mootummaa ofii ijaarrata; namni yeroo isaa balleessu mootummaa ofii diiga.
⚽ Kubbaa ilaaluun badaa miti…
Garuu yeroo hundaa kubbaa qofa irratti fixuun sammuu fi egeree namaa dadhabsiisa.
📚 Sa’aatii tokko kitaaba dubbisuun,
🕌 sa’aatii tokko Qur’aana qara’uun,
💡 sa’aatii tokko beekumsa barachuun
bor mootummaa jireenyaa siif banu danda’a.
⏳ Yeroon har’a taphaan darbe, bor deebi’ee hin dhufu.
😄 Yeroo kolfuu hin qabnetti kolfitee,
😢 yeroo kolfuu qabdutti akka hin boonne.
Namni yeroo isaa harcaasu yeroo mootummaa isaa booya.
Namni yeroo isaa tikfatu ammoo yeroo mootummaa isaa gammada.
الوقت أشد من الموت
“Yeroon du’a caalaa cimaadha.”
Sababni isaa duuti yeroo tokko qofaan nama irraa kutti;
yeroon garuu guyyaa guyyaan umrii keenya irraa hir’ifamaa jira.
Hardha yoo darbe “darbe” jedhama;
deebi’ee hin dhufu.
Daqiiqaan fi sekondiin umrii keenya irraa hir’ifamaa jiru.
Kanaafuu:
Yeroo kee qoodi
Taphas qabaadhu
Barnootas qabaadhu
Ibaadaas hin dagatin
Kaayyoo jireenya kees ijaaradhu
Karoora yeroo kee ittiin fayyadamtu mataa keetiif baafadhu;
namni karoora qabu yeroo isaa hin gubu.
“Ijoolleen yeroo isaanii tikfatan, egeree isaanii mootummaa godhatu.”
💪 Abjuu kee waan xiqqoon hin gurguriin
✊ Biyya si eegaa jiraa
Akkuma dhalattetti hin du'in
7June 11, 2026 789 3