#Dhaamasa_Dhama_Qabdu_3_Mootii_Islaamaa_Ajaa_ibaa
Maqaana Isaanii #Suleymaan_Al_qaanuunii jedhama.
Mootota Usmaaniyyootaa ( Otomaani) keessa Nam cimaadha.
Nama Bal'inna wolakkaa Adunyaa #Bulchaa_Tureeru.
Gaafa Dhibamee akka dhibee kana irraa hafaa hin jirre uf arge dhaamsa 3 Dhaamate.
1ffaa Siree Reeffa kiyyaa Doktoroota Malee akka hin baadhanne.
2 ffaa Qabeenna kiyya Ziqayaa fi Meetii Karaa janaazni kiyya ittiin gaggeeffamu irratti facaasaa.
3ffaa Harka kiyya Lamaan Qullaa Kafana janaazaa keessaa gad baasaa Gara Qabrii Naan deemaa.
Erga inni kana dhaamatee Maaf akkana godha jetta jedhanii gaafannaan.
1ffaa An Mootii hangana gahu ta'ee doktoroonni Lubbuu kiyya hanbisuuf wonti isaan hin raawwanne hin jiru , garuu guyyaan kiyya waan gaheef na hanbisuu hin danda'an , kanaafuu isaanummaan na yaalaa turan , kan na hanbisuuf carraaqaa turan Lubbuu hanbisuu akka hin dandeenne haa beekaniif.
2ffaa Qabeenni an qabu Ziqayaa fi Meetiin an qabu du'a irraa na hanbisuu akka hin dandeenne ummanni haa arguuf.
3ffaa Wonti harka kiyya lamaan Qullaa Kafana janaazaa keessaa gad baasaa jedheef nuti akkuma gaafa garaa haadha teennaatii baanu harka Qullaa Dhufne, Gaafa Ganda Qabrii deemnus Harka Qullaa akka deemnu ummanni gorsa haa argatuuf jedhee deebise
#سبحان_الله
Dubbiin dhugaadha Rabbiin nuuf haa laaffisu.
September 3, 2026 111