"Qoriin hundi waanuma isa keessa jiru dhangalaasa"
"كُلُّ إِنَاءٍ بِمَا فِيهِ يَنْضَحُ"
Namni hundi waan garaa isaa keessa jiru jecha isaatiin agarsiisa. Jechi namni afaan isaatiin dubbatu gaariis ta'ee yookaan badaa, haala guddina isaa, maatii akkamii keessatti dhalatee akka guddate, amantii isaa irratti nama akkamii akka tahe, haala isaa, amala isaa fi eenyummaa isaa ragaa baha.
Namni nama xiqqeessu, nama salphisu, maqaa namaa balleessu, yookaan eeybii fi hanqina namaa nama jala deemee saaxilu, amala gadhee fi qalbii fokkottuu akka qabu ragaa ofirratti bahaa jira..
Warri keenna dur akkana jechuun mammaaku:
“Xiqqaan maaliif nama xiqqeessa Jennaan Xiqqeenna isaatiifi.” Jedhan.
Namni lubbuu isaatiif kabajaa qabu nama biraa hin xiqqeessu, maqaa namaa hin balleessu, nama hin arrabsu, nama hamatuuf oliif gadi hin deemu, Eeybii fi hanqina namaa jala deemee hin saaxilu.
Rabbiin gocha fokkotaa akkanaa kana irraa akkana jechuun nu seere.
قال الله تبارك وتعالى؛
«يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا لَا يَسْخَرْ قَوْمٌ مِنْ قَوْمٍ عَسَى أَنْ يَكُونُوا خَيْرًا مِنْهُمْ وَلَا نِسَاءٌ مِنْ نِسَاءٍ عَسَى أَنْ يَكُنَّ خَيْرًا مِنْهُنَّ وَلَا تَلْمِزُوا أَنْفُسَكُمْ وَلَا تَنَابَزُوا بِالْأَلْقَابِ ۖ بِئْسَ الِاسْمُ الْفُسُوقُ بَعْدَ الْإِيمَانِ ۚ وَمَنْ لَمْ يَتُبْ فَأُولَٰئِكَ هُمُ الظَّالِمُونَ»
[حجرات ٤٩:١١]
“Yaa warra rabbitti amantan! Tuutti takka tuuta biraa hin tuffatin lsaan irra caaluun isaanii (tuffatamtootaa) ni mala Dubartoonnis dubartoota biraa (hin tuffatin) Isaan irra caaluun isaanii (tuffatamtootaa) ni mala Tokkoon keessan nama biraa maqaa hin xureessin; maqaa qoosaatiin wal hin arrabsinaa, Erga amanuutii maqaan faasiquummaa (amantiin alaa) akkam fokkataa dha! Namni hin tawbatin, isaanumatu miidhaa raawwattoota.
───────•••●○○●•••───────
Namni kabajaa qabu, kan maatii kabajaa qabu keessatti dhalatee guddate, kabaja nama biraatiifis qaba.
Arrabni kee eenyummaa kee hima. Ati nama biraa yeroo arrabsite, nama san yoo xiqqeessite, maqaa isaa yoo balleessite ykn eeybii isaa yoo jala deemtee saaxilte, ati waan guddaa ittiin faarfamtu dalayde osoo hin taane, ati nama akkamii akka taate nama gadhee namummaa hin qabne akka taate ragaa ofirratti bahaa jirta.
Rabbiin keenna (S.W) Qur’aana isaa keessatti nama amala akkasii qabuuf waan qopheesse akkanatti hima.
قال الله تبارك وتعالى؛ «وَيْلٌ لِكُلِّ هُمَزَةٍ لُمَزَةٍ»
[الهمزة ١٠٤:١]
“Badiin guddaan sabattee jirti cufa nama nama arrabsuu fi maqaa namaa balleessuutiif.”
Ergamaan Rabbii ﷺ yeroo sifaa fi amala Muslimni qabu ibsan akkana jedhan:
«قَالَ رَسُولُ اللهِ ﷺ: «الْمُسْلِمُ مَنْ سَلِمَ الْمُسْلِمُونَ مِنْ لِسَانِهِ وَيَدِهِ»
[رواه مسلم]
“Muslimni dhugaa nama Muslimoonni biroo arrabaa fi harka isaa irraa nagaa bahaniidha.”
Muslimni dhugaa nama biraa arraba isaatiin hin madeessu, harka isaatiinis nama hin miidhu.
Arrabaan nama madeessuun yeroo baay'ee madaa qaamaa caalaa nama dhukkubsa, madaan qaamaa dafee fayya, Madaan arrabaan uumame yeroo dheeraaf qalbii nama cabsee nama keessa tura.
Akkuma yeroo mammaakan jedhan;
“Arrabni lafee hin qabu, lafee nama cabsa.”
Namni keessa isaatti nagaa qabu jecha isaatiin nama hin gahu.
Nama biraa salphisuun kee kabajaa siif hin dabalu.
Nama biraa arrabsuun kee beekumsa kee hin mul'isu.
Maqaa namaa balleessuun kee ulfina kee hin dabalu.
Rabbiin Gurra nama xureessuufii Dhiiga namaa irraa nuhaa qulqulleessu.
September 3, 2026 96 1