NAAMUSA SALAAMTAA 🤝🕊️ بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَنِ الرَّحِيمِ🫀🫀… — 🕋GAADDISA ISLAAMAA♥️ظلال الإسلام✍ — TG.ME

🌿🤍 NAAMUSA SALAAMTAA 🤝🕊️

بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَنِ الرَّحِيمِ🫀🫀

Salaamni mallattoo jaalala, obbolummaa, nagaa fi qalbii qulqulluu ti. 🤍🌿

Muslimni obboleessa isaa yeroo argu, jecha gabaabaa ta’us, “Assalaamu’alaaykum” jechuun qalbii isaa gammachiisa; akkasumas jaalala fi tokkummaa gidduu isaanii jabeessa. 🫂❤️

Nabiin keenya ﷺ akkana jedhan:

“Jannata hin seentan hanga amantanitti; hin amantan hanga wal jaalattanitti. Mee waan yoo isa hojjattan wal jaalattan isinii himuu? Salaamtaa heddummessaa jidduu keessanitti.”
(Muslimtu galmeesse.)

🌹 Kanaaf, salaamni jecha qofa miti; karaa gara qalbii nama biraa itti seennu, jaalala itti facaasnu fi obbolummaa itti cimsinuudha. 🤍

1️⃣ 🤝 Muslima hundarratti salaammachuu

Muslima hundarratti salaammachuun amala gaarii fi hojii Islaamaa jaalatamaadha.

Nabiyyiin ﷺ yeroo “Hojiin Islaamaa kamtu caala?” jedhamee gaafataman, akkana jechuun deebisan:

“Nyaata nyaachista; nama beektuufi kan hin beekneefis salaamtaa qaraata.”
(Bukhaarii fi Muslim.)

🌿 Nama beektu qofa osoo hin taane, nama hin beeknes salaami. Tarii salaamni ati nama tokkoof kennite sun guyyaa isaa jijjiiruu danda’a. 😊🤍

2️⃣ Salaamtaa daddafsiisuu

Nabiyyiin ﷺ akkana jedhan:

“Caalaan isaan lameenii, kan salaamtaan jalqabe.”
(Bukhaarii fi Muslim.)

Kana malees akkana jedhan:

“Xiqqaan guddarratti haa salaammatu; kan deemu kan taa’urratti haa salaammatu; namni lakkoofsaan xiqqaanis namoota baay’eerratti haa salaammatu.”
(Bukhaarii.)

🌸 Eegaa hin turin! Nama argite salaamni itti jalqabsiisuun mallattoo tawwaduu fi qalbii gaarii ti. 🤍

3️⃣ 🕊️ Salaamtaa deebisuu

Salaamtaa jalqabsiisuun sunnaa jaalatamtuu, salaamtaa deebisuun immoo dirqama (waajiba) dha.

Salaamni sagaleedhaan yookaan barreeffamaan yoo siif dhufe, deebisuun dirqama. Ati nama sana argite yookaan hin argin, salaamni yoo sirra gahe deebii gaarii kenni. 🌿

Aayyoo Aa’ishaan رضي الله عنها akkana jette:

Nabiyyiin ﷺ naan jedhan:

“Yaa Aa’ishaa! Jibriil kunoo salaamtaa siin jedha.”

Isheenis, osoo isa hin argin:

“Wa’alaaykumussalaam warahmatullaahi wabarakaatuh.”
(Bukhaarii.)

🤍 Salaamni yoo si gahe, deebii isaa bareechi. Jecha xiqqoodhaan nama gammachiisuu dandeessa. 🌹

4️⃣ 🔄 Salaamtaa irra deddeebi’uu

Nabiyyiin ﷺ akkana jedhan:

“Tokkoon keessan obboleessa isaatti yeroo dhaqu haa salaammatu. Eegasii yoo gidaarri, dhagaan yookaan mukni isin jidduu bahe, irra deebi’ee haa salaammatu.”
(Abuu Daawud.)

🌿 Kana jechuun, salaamni yeroo tokko qofaan daangeffamee hin hafu. Yeroo wal arginu, yeroo adda baanu fi yeroo irra deebinee wal qunnamnu, salaamni keenya haa jiraatu. 🤝❤️

5️⃣ 🤝 Yeroo salaamtaa harka wal fuudhuu

Nabiyyiin keenya ﷺ akkana jedhan:

“Muslimoonni lama yeroo walitti dhufanii harka wal fuudhan, osoo addaan hin bahiin dura isaaniif araaramama.”
(Abuu Daawud.)

🥹❤️ Mee yaadi! Harka obboleessa kee qabachuun qofa, sababaa araaramaatiif ta’uu danda’a.
Kanaaf yeroo wal argitan, salaamaa, fuula gammachuu qabaadhaa, harka wal fuudhaa, jaalala facaasaa. 🤍🫂

6️⃣ 👶🤍 Joollee xixiqqoo irratti salaammachuu

Anas ibn Maalik رضي الله عنه akkana jedhe:

“Nabiyyiin ﷺ joollee irra dhufanii isaan irratti salaammatan.”

(Muslim.)

🌸 Kun barsiisa guddaadha. Ijoolleen xixiqqoonis kabaja fi jaalala keenya ni malu. Salaamni ati har’a mucaa tokkoof kennite, boru amala isaa ta’uu danda’a. 🥰🌱

7️⃣ 🚶‍♂️👋 Salaamtaa yeroo deemsaaf ka’an

Nabiyyiin ﷺ akkana jedhan:

“Tokkoon keessan yeroo teessoo tokkootti dhufu haa salaammatu; yoo taa’uu fedhe haa taa’u. Eegasii yeroo ka’u immoo haa salaammatu. Salaamnni duraa yookaan boodaa caalaa jabaataa miti.”

(Tirmizii fi Abuu Daawud.)

🤍 Yeroo dhufnus salaamni, yeroo deemnus salaamni.

Salaamni walitti nu fidu qofa osoo hin taane, yeroo wal irraa gorretti illee qalbii keenya walitti hidha. 🫂🌿

8️⃣ 📱💌 Salaamtaa barruu fi miidiyaa irraa dhufte deebisuu

Sheek Abdul’aziiz ibn Baaz رحمه الله akkana jedhan:
❤1
September 3, 2026 121 2