Luqmaan Al-Hakiim ilma isaatiin akkana ja’e: • Yeroo salaata keessa… — 🕋GAADDISA ISLAAMAA♥️ظلال الإسلام✍ — TG.ME

Luqmaan Al-Hakiim ilma isaatiin akkana ja’e:
• Yeroo salaata keessa jirtu, qalbii kee eeggadhu.
• Yeroo nama keessa jirtu, arraba kee eeggadhu.
• Yeroo mana namaa jirtu, ija kee eeggadhu.
• Yeroo nyaata irratti namaa wajjiin walitti qabamte, garaa kee eeggadhu.

Waa Lama gonkumaa hin yaadatin:
1. Hammeenya namoonni si irratti raawwatan.
2. Gaarii ati namootaaf goote.
Waa Lama immoo gonkumaa hin dagatin:
1. Rabbii kee.
2. Ganda Aakiraa.
👍10❤2
May 4, 2026 675 5