«ilmaan jallachuu fii baduun Abboottiin isaanii Rakkoo qaban jechuu miti».ღ
«Gaafa ilma jallaa,badaa fii faajira tokko agarte haadhaa fii abbaa isaatti zannii baddee guddisaa fii kunuunsa isaaf godhan keessatti rakkoo qabu jechuun yaaduurraa eeggadhu. Haadhaa fii abbaa meeqaatu jira kan ilmaan isaanii isaaniif qajeelanii gaggaarii fii babbareedoo akka isaaniif ta'aniif jecha yeroo,qabeenya,beekumsa,humnaa fii yaada isaanii humnaa ol baasanii ilmaan isaanii immoo baduu fii jallachuu malee didan. Inumaa gaaf-garii ilmaan hundi tokko malee kan qajeelaa ta'antu jira. ati isuma jallatee karaa hoongoo karaa warra ibiddaa filate san agarta. Yeroo kana komiin ilma jallataa mataa jabaate kan karaa jallinaa filaterra jira malee haadhaa fii abbaan gaggaariin,toltu yaadoo fii gara laafoon mararfatoon komatamuu fii tuttuqamuu hin qaban.»
«Nama meeqa kan gaafa badiinsaa fii hammeenya nama tokkoo agare maatii isaa irratti murteessuutu jira. Abadan akkas hin godhin ati. Yoo akkas dalayde fuula rabbii duratti irraa gaafatamuuf teeysa. Ammallee nama maatii nama saniitiis isuma jallaa badaa sanii waliin arrabsuutu jira. Wallaahulmusta'an.»
«Wawallaahi silaa gaarumiinsaa fii toliinsi abbootaa tolaa fii gaarumiinsa ilmaanii ta'ee silaa ilmaan anbiyootaatu irra gaggaarii fii toloo namaa ta'a. Rabbiin ﷻ qur'aana keessatti seenaa ilma mataa jabaate kan abbaa isaa didee seenaa ilma nabi nuuh ﷺ waa'ee isaatirraa nuuf himee jira. Inumaa jallinaa fii ku.f.r.i.i haadha manaa isaatiifii haadha manaa nabi luux ﷺ fii jallinaa fii ku.f.r.i.i abbaa nabi ibraahiim ﷺ nutti himee jira. Kun hundi qalbiin garbootaa harka Rabbii ﷻ jirti malee harka abboottii isaanii akka hin jirre nu barsiisuufi.»
«Nama tokkoon ilmaan isaa itti jallatee fii isatti mataa jabaateef:- lubbuu tee gaddaa fii of dhabuun isa jalatti hin gaggabsin. Balaa sitti dhufte gara rabbii keetii waywaatuu,isaaf of gad cabsuu,haajamummaa tee addatti isatti mul'ifachuu fii du'aa'iitti jajjabaadhu dura dhaabbadhu.»
«Sunnaa Rabbii ﷻ keessaa; gaafa asiin balbala fitinaa fii balaa sitti bane asiini mogguma isiitiin balbala kennaa siif bana. Balbaloonni kennaa yeroo hedduu gaafa balbaloonni balaa banaman malee hin banamtu. Saniifuu Gammadaa,kheeyrii eeggachaa rabbii keetitti yaada bareeffadhu.»
«ilma Abbaa fii haadha isaatti jallatee isaanitti mataa jabaateef;- guyyoonni ati duniyaa kanarraa qabdu lakkaawamtuudha. Dalagaaleen ati dalagaa jirtu Rabbi ﷻ biratti beekkamtuudha galmeeyfamtuudha. Rabbiin ﷻ qaba siif qaba malee sin lakkisu. Suuta suuta si qaba malee isa jalaa hin baatu. Yoo sammuu fii diin waa si bira jiraate daddafii gara Rabbii ﷻ toowbadhu. Gara haadhaa fii abbaa keetii deebi'ii isaanitti tola ooli. Dhugumatti hedduu sirratti dadhaban. Akka isaaniif gargaarsa,irkoo,gammachuu fii dasii ija isaanii taatuuf si guddisan. Atimmoo kana dhiisteeti qoree laagaa seentee fii yaaddoo qomaa hin baane isaanitti taate.»
«Wallaahi yoo Towbattee gara isaanii deebi'uu baatte qottoo,qoree fii gufuu meeqaan duniyaa tanarrattii fii du'a boodallee waraanamtee diramuuf teeysa. Yaaddoo, cinqii fii rakkoo hedduus agaruuf jiraatta.»
«akka itti rabbiin sadarkaa fii haqa isaanii guddisee ulfeeysee ol fuudhe hin barree ati? akka inni itti haqa isaatii fii haqa isaanii walitti qabee dubbatte hin agarree?
۞ وَقَضَىٰ رَبُّكَ أَلَّا تَعۡبُدُوۤا۟ إِلَّاۤ إِیَّاهُ وَبِٱلۡوَ ٰلِدَیۡنِ إِحۡسَـٰنًاۚ ۞
«Wawallaahi! Osoo haadhaa fii abbaan kee faajiroota kaa.f.i.r.oota kan fujjaarummaa fii ku.f.r.u.mmaa sanitti kan si waamaan illee ta'anii isaanitti mataa jabaachuu fii isaan diduun siif hin hayyamamu siif hin danda'amu. Kan gaafa akkana ta'anuu akkanaa gaafa gaggaarii saalihtoota mu'mintoota ta'anii gara iimaanaa,gara kheeyrii diinii fii duniyaa keetiin dhaabbachuutti si waaman ta'an hoo??»ღ
✓. Yaa Rabbi! Qalbii Abbaa fii haadha ilmaan harkatti jallatanii mata itti jabaatanii isaan mokkortee suphii kheeyriitti isaaniif jijjiiri.»
3April 6, 2026 666