Seenaa Aalima Guddaa kana Beektuu? Maqaan isaanii guutuun:- Sheek… — 🕋GAADDISA ISLAAMAA♥️ظلال الإسلام✍ — TG.ME

Seenaa Aalima Guddaa kana Beektuu?

Maqaan isaanii guutuun:- Sheek Muhammad ibn Saalih al-Useeymiin (Rahiimahullaah) Jedhamu. hayyuu guddaa jaarraa 20ffaa keessatti addunyaa Islaamaa keessatti dhiibbaa guddaa uumeedha. seenaa isaanii akka armaan gadiitti isiniif dhiyeessa:

1. Dhaloota fi Guddina Isaanii✅️

Sheek Useeyimiin bara 1929 (Hijiraa 1347) magaalaa Unayzah, mantiqaa (Godina) Qasiim, Sa'udii Arabiyaa keessatti dhalatan. Maatiin isaa maatii amantii fi beekumsa qaban turan. Maqaan isaa guutuun: Muhammad ibn Saalih ibn Muhammad ibn Sulaymaan ibn Abdur-Rahmaan al-Useeyimiin al-Wahiibii al-Tamiimii dha.

2. Barumsa Isaanii✅️
ijoollummaa isaatii kaasee barumsa diinii irratti xiyyeeffannoo guddaa kenne.

• Qur'aana: Akaakayyuu isaa Sheek Abdur-Rahmaan ibn Suleeymaan al-Daamig biratti Qur'aana qara'ee xumure.
• Ustaazota Isaa: Ustaazni isaa inni guddaan fi dhiibbaa guddaa irratti uume Sheek Abdurraahmaan al-Sa'adii dha. Isarraa Fiqhii, Tawhiida, Tafsiira fi luga Arabiffaa barate.
• Akkasumas, hayyuu guddaa Sheek Abdul-Aziiz bin Baaz biratti barumsa Hadiisaa fi kkf barateera. Sheek Bin Baaz ustaaza isaa lammaffaa akka ta'etti ilaalama.

3. Hojii fi Tajaajila Isaanii✅️
Sheek Useeyimiin jireenya isaa guutuu barumsa barsiisuu fi ummata tajaajiluun dabarsan:
• Barsiisummaa: Masjiida guddaa Unayzah keessatti waggoota 47 ol barsiisan. Akkasumas, Yuunivarsiitii Islaamaa; Imaamu Muhammad bin Sa'uud keessatti piroofeesara ta'anii hojjetanii jiru.
• Miseensa Hayyootaa: Miseensa "Council of Senior Scholars" (Lajnatul Daa'ima) Sa'udii Arabiyaa turan.
• Imaamummaa: Masjiida guddaa magaalaa Unayzah keessatti Imaama fi Khaxiiba turan.

4. Amaloota Isaanii✅️
amaloota gaggaarii baay'eedhaan beekaman:
• Salphaatti barsiisuu: Akkaataan isaan barnoota itti dhiyeessan baay'ee salphaa, ifa fi kan sammuu namaa keessa galu ture.
• Zuhdii: Isaan nama qabeenya addunyaatti hin gowwoomne, jireenya salphaa jiraatu turan.
• Yeroo eeggachuu: Yeroo isaan biratti baay'ee qusatamaa ture; takkaa yeroo isaanii osoo faayidaa hin qabne hin dabarsine.

5. Kitaabota Isaanii✅️
kitaabota 100 ol kan mata-duree adda addaa (Fiqhii, Aqidaa, Tafsiira, Luga) irratti barreessan qaban. Isaan keessaa muraasni:
• Sharhul Mumti’ ala Zaadil Mustaqni’ (Kitaaba Fiqhii baay'ee beekamaa).
• Tafsiirul Qur’aanil Kariim.
• Al-Aqidah al-Wasitiyyah (Ibsa isaa).
• Kitaabu Al-Ilm (Kitaaba waa'ee barumsaa dubbatu).Fi kanneen kana fakkaatan baay'ee barreessanii jiran.

6. Du'a Isaanii✅️
Sheek Muhammad ibn Saalih al-Useeyimiin waggaa 74ffaa isaanitti, bara 2001 (Hijiraa 1421), ji'a Shawwaal keessa magaalaa Jiddaa keessatti addunyaa kanarraa boqotan. Salaatni janaazaa isaa Masjiid al-Haraam (Makkah) keessatti irratti salatamee, achumatti awwaalame.
Du'a isaa irratti namoonni miliyoonaan lakkaawaman salaatanii jiru, kunis jaallatamummaa isaan ummata biratti qaban agarsiisa. Hayyu Islaamaa fi beekaa har'as qalbii Muslimtoota addunyaa keessa jiraniidha. Kitaabota isaanii addunyaa guututu irraa barachuu fi ittiin jijjiiramutti jira.
Rabbiin (sw) rahamata haa godhuuf, firdawsul a'laa haa kennuuf.
March 26, 2026 539 1