#Rakkoon_shufeerranii_Gahee_haa_dhabbattu.✋
Boruu saa abdatee
Rakkoo arraa obsaa
Hawaasa isaatiif
Kafalafii aarsaa
Dadhabii dhaan malee
Halkan guyyaa deema
Rakkinaf Mudannoo
Hundaahuu dhandhama
Jireenya jabaate
Kana fooyyeeffachuuf
Qabeenya horatee
Rakkoo injifachuuf
Lubbuu aarsaa godhee
Daandii dheeraa deema
Oowwaa fi qabbanaas
Galgalaaf ganama
Sani warri harki gaheef
Karaarratti bahee
Dhaabsisa makiinaa
San booda ukkamsee
Yoo fadhees Rachana
Didee yoo inni dabre
Rasaasaan dhawanii
Makiinaas gubannii
Isaas ajjeesani
Lubbuu shufeera tokkoo
Ajjeesuuf ja'anii
Rasaasa baayyinaan
Diiddamirra hedduu
Itti dhukaasanii
Qabeenyi hin hafne
Lubbuun hin baafanne
Waa lamaan wal faana
Harargeen miidhamne
Furmaata nuuf laadhaa
Dhimma rakkoo tanaa
Warri keysa beytan
Furmaata nuuf tahaa
Lubbuu teenyaas dhabnee
Qabeenyaan saamamuu
Dadhabne nuuf gaha
Biyya heerri jiru
Ta mootummaan bultu
Rakkoon dhuma qabdii
Teenya tunoo dhiiro
Bara dhufee dabru
Furmaata maaf dhabdi?



