+ Yaa Gooftaa, gara kootti gori.
Yaa Gooftaa, akkuma kara-deemaan Iyyaariikoo Namichi samaariyaa itti gore, waggaan kun osoo hin darbin gara kootti gori.
Yaa Gooftaa koo Iyyesuus Kiristoos isa hoolaa bade Addaam Barbaadde, yaa Gooftaa eegaa anas barbaadi; akkuma isa argattee baatte anas baadhu.
Akkuma uumama kee isa jalqabaa Addaam dagattee hin dhiifne, anas ilma isaa isa dadhabaa isa isaa irraa dhaladhe dagattee hin dhiisin. Caalaatti yaa Gooftaa koo Iyyesuus Kiristoos akkuma Addaam isa nama tokko jedhame baatte, anas baadhu.
Eeyyee yaa Gooftaa, namni maqaa hin qabne karaa irratti kufee sun ana ta'uu koo beekeera.
Olka'iinsa Kiristaanummaa hojiin mul'atuu isa iccitiiwwaniin jiraatamu irraa gara gadi-aantummaa fakkessaa fi dorgommiin jiraatamuutti kanan gadi bu'e kara-deemaan maqaa hin qabne sun anuma. Tulluu Wangeelaa isa dhugaa fi jaalalaan jiraatamu irraa gara hallayyaa caqasoota gara fedha keenyaatti harkisutti kanan gadi bu'e kara-deemaan reebame sun anuma.
Isa kuferratti gaddaa isaafis kadhachaa ijoolleen kee dhugaan olka'iinsa jiraatan irraa gara gadi-aantummaa isa hundumaa tuffachiisuu fi komachiisutti kanan gadi bu'e kara-deemaan sun anuma. Wanta hundumaa hafuuraa fi hubannoodhaan qoruu irraa gara boolla miiraa fi argaa-dhaageettiin balleessuutti kanan gadi bu'es anuma. Karooraa fi ogummaadhaan hojjechuu irraa gara komii, qeeqaa, aariin dubbachuu qofaatti kanan gadi bu'e akkasumatti kan gadi-aane dhuguma anuma. Murasa isaanii tarreessuu qaba jedheen malee, yaa Gooftaa hojii badaa ani dhiisuu fi boolli ani itti hin kufin maaltu jiraa?
Yommuun gadi bu'us akkuma barreeffame saamtonni na argatanii na dhaanan. Isa ani qabu hundumaas na jalaa saaman. Yaa Gooftaa, osoon gadi bu'uu waan ani qabadhee ture irraa kanan hin saamamne wanti tokkollee hin jiru.
Jalqaba kan na jalaa saaman ulee koo ishee tokkittii ishee yommuun dadhabu itti hirkadhu, ol-ba'iinsaa fi gad-bu'iinsa ittiin qaxxaamuru, bineensota ittiin fageessu, galaa fi fe'isa koo ittiin baadhu: kadhanna koo na jalaa saaman utubaa maleen hafe. Ka'ee kadhachuuf yommuun dhaabbadhu qaamni koo akka siidaatti dhaabbatee lubbuu koo dhiphisu. Yeroo tokko tokko ilkaan koo wal ciniinsisu. Yeroo tokko tokko immoo isa siif yaadu fakkeessanii waraana keessa na galchu.
Yeroo biraa faayidaa ani karaa keetiin argachuu qabu na yaadachiisu. Yeroo biraa immoo waanan si hin gammachiisne natti fakkeessu akka ati murteessite na gattuus fakkeessanii na yaachisu. Yeroo biraa immoo firaa fi hiriyyaa irraanfatame, maatii du'ee fi bade dabalatee natti agarsiisaa jireenya fakkeessaa keessatti na gowwoomsu.
Hojiin dhabee fi qabeenyan kasaare na yaadachiisanii na aarsu. Qofa lubbuu koo bakka itti hin geessine hin qaban. Osoon du'ee illee ergamaan du'aa lubbuu koo dararaa itti fiduu hin dandeenye hammam lubbuu koo dhiphisu. Kadhanna koo na jalaa saamanii lubbuu koo simbirroo bakka boqonnaa dhabde fakkeessan.
Kanarraa kan ka'es nagaan koo isa keessaa na jalaa fudhatame. Dagalee nama biraa irraa, hiriyaa gaa'ila koo, haadha koo fi abbaa koo, maatikoo waliin nagayaan mari'achuu koo illee walitti aansanii na jalaa saaman.
Obsa koo na jalaa saamanii akka re'ee wacaan, akka urunguu iyyituu na taasisan.
Isa naaf dubbatuuf deebisuu dhiisee, isa na ilaalu dinqisiisee ilaaluu dhiisee akka nama miidhameetti natti fakkeessuudhaan ogummaa gaariidhaan deebisuu koo na jalaa saaman. Caalaattis garagaleen garaagarummaa koo beekumsaan ibsuu, waliigaluuf mari'achuu irraa ana addaan baasanii arrabsoof aariin kan ittix murtaa'e na taasisan.
Gara jireenya koo isa jalqabaatti akka ani hin deebines karaa natti cufan. Mana barumsa dilbataa (gubaa'ee) deemeen akka hin baranne yeroo koo akkasumaan akkan balleessu natti fakkaata.
Barsiistota tokko tokkos qeeqaan akka ani tuffadhu waan na taasisaniif, obsi taa'ee dhaggeeffachuu koo silaa eessa akka seene hin beeku. Dhiibbaa hiriyaatiin yommuun taa'us anaaf jedhee dhaggeeffachuu irra "kun abaluuf ture kan barbaachisu" na jechisiisa.
August 27, 2026 143