Yeroo biraa immoo "har'as kana lallabaa?" na jechisiisa. Ani cubbuu itti fufinsaan hojjedhuun osoo hin qaana'in barsiisaan waan beekamu barsiise jedhee hin qaana'u moo na jechisiisa.
Yeroo biraa immoo wanti dubbatamu arrabsoo fi waan gatii hin qabne natti fakkeessa. "Asitti barachuu irra achuma mana koo taa'een dubbisa" jedhee akka ani yaadu na taasiseeti mana koo yommuun galu teeleevizinii dura na dhaaba.
Inni nuffisiisaa yoo ta'u waan miidiyaa hawaasaa irratti ba'e akka ani ilaalu karaa hiriyoota kootiin naaf bilbilsiisa. Akkamittiin itti aaree dubbisuuf yommuun ka'u hirribni akka cabbiitti natti rooba.
Dhiisi, wanti gaariin na jalaa darbee booda na jalaa badaa jira. Gorsa akka ani hin gaafanne nama guddaa fi beekaa dha jedhamu uffata amalaatiin na uffisanii na qaaneessan. Kana hundumaa irraa kan ka'e dhukkubbii lubbuu kootiin foon koos dhukkubsataa ta'e.
Akka furdadheetti dadhabaa, akka quufetti laafaa na taasisan. Akka ani hin soomne dhagni koo didde. Akka ani hin sagadnes jilbi koo hollate. Hundumaan duwwaa ta'een taa'e.
Yaa Gooftaakoo waggaan kun osoo hin darbin gara kootti gori, reebameen kufe, jireenya fooniitiin qalbiinkoo saamamee jira. Kan lafa ol na kaasu, kan anaaf ho’u dhibantaankoo si’i. Si malee maalan qaba maltu jira?. Gabbeera na ga’a, gara kootti gori adaara immoo hin turin.
Dn Hundesa M.
2018, M/ Haamere Nohi Q/ kidaanemiret
"Obboloota koo,nuufis kadhadhaa!"1Tas.5:25,Obbolloota bira akka ga'uuf sheerii godhaa.
Facebook : https://www.facebook.com/dnhundesapage
Telegram : https://t.me/uleeamantaa
Youtube:
https://www.youtube.com/c/EzratubeOfficialTube?sub_confirmation=1
August 27, 2026 251 2