Maqaa Abbaa kan Ilmaa
Afuuraa Qulqulluu jedhee
Sadan Waaqa tokkoonan
Fuulakoo Mallatteeffadhee
Maatiwwaan Waaqayyoo
Warri fira Qulqullootaa
Manasaa kan tajaajiltan
Daaqunootaaf lubootaa
Waamichasa kabajanii
Kan as jirtan martuu
Nagaa Galata Waaqayyoo
Nagaadhaa akkam jirtuu!
Isa Waaqessuuf meeshaa
Afuuraa hidhattanii kaatani
Galanni isaaf haa tahu
Baga nagaa taatani!
Naga isarraa nagaa
Isatu nuuf kennee
Akkasatiif malee
Har’a geenya yoom jennee!
Olmaasaa kanaafi
Galataasa.., dhiisnee hin itichinuu
Gaalanni isaaf haa tahu
Guddisnee haa ililchinuu.
Gaalanni kansaatii…
Isa harkaas maal dhabna
Waaqni nutti haa dubbattu
Jechuudhaan jalqabna.
Waa’ee isaa dubbannaa
Nuuf haa tahu, kansaa fedha
Mata dureen Walalookoo
1Mot 2:3 “Nama ta’i “ jedha!
Jechichii Jireenyaa
Hundumaa kan dursee
Qulqullichi Daawwit
Mucaasa Solomoniin gorsee
Waan inni raawwachuu qabu
Itti himuudhaf fedhee
Kan jireenya isaaf ta’u
Nama ta’i jedhee.
Nama ta’uusaa beeka
Beekuus hin dhabu
Itti himuuf malee
Waan Solomon gochuu qabu
Dubbichis dubbii jireenyaati
Miti waan laayyoo
Dhaga’aa qalbeeffadhaa
Akkas jedhaa Waaqayyoo
Ani…Waaqayyoo Waaqni kee
Bakka siifi hin dhabne
An tasa si hin dhiisu
Akka nama abbaa hin qabnee
Adda godheen si uumee
Biyyoo dhoqqeessee
Akkati dhaaltuufan
Mootummaakoo siif qopheesse
Garuu, waan sitti hima
Na dhaga'i mucaa koo
Nama ta'i adaraa
Dhaga'i jecha koo
Nama ta'i jechuun koo
Mee siif galeera ?
Namni baayyeen....
Waaqummaa kooyyu ganeera
Karaa isa jireenyaa
Dhiisee irratti badeera
Nama uumuu kootti
Garaankoo gaddeera.
Waanan sitti himutu jiraa
Kan garaa na nyaatuu
Waanan sirraa jibbee
Sittan hima galaa siif haa taatuu
Loonni illee dallaasanii beeku
Bakka galma isaanii
Ati garuu na dagattee
Akkuman ta'e Uumaakee anii
Bifa kootti fakkeesse
Kanan si uumee
Akka itti jiraattuuf
Seerakoo siif tumee
Garuu, maaliif ati..?
Seerakoo tuffattee?
Maaliif miidhagina Addunyaa
Namummaakeen uffattee?
Bu’aa foon keetiini
Lubbuunkee miidhamtee
Ana Uumaakees dhiistee
Biyya lafaatti hidhamtee
Lakkii….
Firii naqadhuu hin ta'in "Mukichaa"
Isa firii dhabe, Arbuu
Dursee sitti himeeraa
Akka addunyaan darbuu
Har'aafi addunyaan
Kufee ka'ee si waliin fiigaa
Gammachuu darbuuf
Manasa galgalaa si duratii diigaa
Nama ta'i mucaa koo
Kan seera koo eeguu
Addunyaa jibbee
Kan galmasaa beekuu
Baay'een si kabajee
Foon kee uffadhee
Amala isa kankee
Kan koo taasifadhee
Bakka kufte si kaasufan
Anarraa deemamee
Simaaf jechan
Qacceedhaan reebamee
Bilisummaakee labsuufan
Lakkawwamee hattuttis dabalamee
Jireenyatti si ceesisuuf
Fuulakoo kabalamee
Du'a anatu si oolchee
Bakkakee ofii bu’ee
Jireenya siif kennuufan
Darbee ofii kootii du'ee
Marree!
Maaliif dagatamte
Guyyaan jimaataa
Siif jedhee kanaan
Fudhadhee himataa
Nama ta'i mucaa koo
Kan na dhaggeeffatuu
Dubbii sagalee koo
Kan qalbeeffatuu!
Adaraa nama ta'i
Jaalalaan siif qabu hin qabu amma
Ani Akkati dhaaltun fedhaa
Biyya annaniif dammaa
Osoon yeroon hin ga'in
Dafiitii dammaqii ka'i
Kan sagalee koo beekuu
Adaraa nama ta'i
=
Jedhee nutti dubbataa
Inni nuuf Kaffalee beenyaa
Galanni isaaf haa tahu
Du’a nuu olcheera Waaqni keenyaa!
Dubbiinsas dhugaadha
Isa jireenya laatu
Akka nuti hin kufneef
Harka isaatti nu baatu
Isatu nuu olchee
Jireenya isa hamaa
Foon Maariyaamii Uffatee
Isatu nuuf ta’e namaa!
Durbee Maariyamiis
Kanumaaf kabajna
Kabajaa ishees…
Dubbachuu jalqabna
Haadha Waaqayyooti
Isheedha kan deesse
Murteen du’a keenyaas
Nurraati lafa keesse
Kabaja lannaaf malee
Sobaan dhugashee hin haphisnu
“Nama akka kootitim” jennees
Maariyaamiin hin salphisnu
Toloota Waaqayyoo irratti
Xurii jibbaa kan dhoobdu
Warra akkasirraa of eegadhaa
Raacitii raajota sobduu!
Qulqulloota Waaqayyoo
Salphisuudhaaf gamaa
Kan Waaqayyoo filatee…
Silas kan salphisu namaa?
Beekumsaan Fagaatanii
Addunyaa nanna’uu
Qilleensa keessaa deemanii
Addeessa bira ga’uu
Kana hundumasaa
Hin dubbannuu tursaa
Waanuma hundayyuu
Nama ta’utu dursaa!.
Namni gaarii godhu
Waan hojjetu dursee akeeka
Waaqayyoon sodaata
Hundumas ni beekaa