Hojii kee hojjedhu!
“Gooftaan namootuma hundumaaf hojii kenneefii jira. Isa kennameef sana hojjechuun gahee isaati. Osoo dandahameefii akka hin hojjetamne kan godhu gocha seexanaati. Akkuma Waaqayyo hojii sana akka hojjetuuf siif eyyame, seexanni ammoo si dhoorkuuf tattaafata. Wantoota biroo nama gammachiisan siif dhiheessuuf tattaafata. Abdii biyya kanaatinis si sossoba.Galaana hamiitinis akka guutamtu si godha. Barreessitoonni akka si gaafatan, namoonni beekkamoonis waan kee irratti akka badaa dubbataniif itti fayyadama. Philaaxoos,Heroodis Hanaaniyaa, Qayaaffa hundu si irratti ka’u. Yihuudaanis si maddii dhaabatee qarshii 30 si gurgurachuuf kajeela. Kuni hundi akka sira gahu kan godhu garuu seexanni hojii kee irraa si harkisuufi Waaqayyoof ajajamuurra si gufachiisuuf akka tahu hin hubattuuree?
Hojii kee hojjedhu, yoo leenci baroodu homaa sitti hin fakkaatin. Saroota seexanaas qaacaruuf hin dhaabatin; illeettiwwan ari’uudhaan yeroo kee hin gubin, hojii kee hojjedhu, sobduun haa sobdu, kan lola qabanis wal haa lolan, waldaanis haa murteessu, barreesitoonnis haa barreessan, seexannis waan fedhe haa godhu, ati garuu wanta tokkollee,,hojii Waaqayyo akka hojjetuuf sitti kenne hojjechuurraa akka hin dhaabanne of eeggadhu!!!
Hojii kee hojjedhu, horii akka horattuuf hin ergamne, akka sooramtuufis hin abboomane, kabaja keetiifis roorroo dhoowwadhu jedhamee sitti hin himamne, seexanni fi tajaajiltoonni isaa sobaan hojii si irratti haasa’an akka ‘akkas miti’ jettuuf hin gaafatamne. kana hunda nan godha yoo jette, hojii biraa hojjechuu hin dandeessu, sana qofas osoo hin taane ofiif malee gooftaaf hin hojjenneti.
Hojii kee hojjedhu, kaayyoon kee akka urjii kan dhaaba tolfate haa tahu, itti dhiisi addunyaan akkuma barbaade walitti haa wacu, balaan sirra gaha taha, ni arrabsamta ,ni hamatamta, ni madoofta, ni tuffatamtas taha. Kan humna qabu si cunqursuu, kan si jaalatanis si dhiisuu, namoonnis si tuffatu taha.Ati garuu murtii hin sochooneen,hanga dhumaatti kaayyoo keen dh aabadhu. Hojii ati naaf kennite xumure, amantaa koos eege, hanga jechuu geessutti, kaayyoo jireenya keefi galma uumama kees hordofi.”
(Dubbii Abuuna Gorgoriyoos,Lammaffaa, Phaaphaasii Shawaa kan turan, Gaazexaa Bitaaniyaa irra kan fudhatame. Afaan Amaaraa irraa gara Afaan Oromootti hiikee kana dura SDO irratti kanan maxxanserra)
Madda:Abbaa Beenol fb