"Abshiir, homaa miti! Waaqayyo si gargaara, inni humna qaba, inni si wajjin jiraa" jennaan, "Inni illee sirriidhaam garuu..." jenne.
"Baay'ee hin dhiphatin Waaqayyo wanta godhu hundumaa gaarummaaf godha, wanti hundumtuu gaarummaaf ta'a" nuun jennaanis, "Innillee dhugaadhaam, garuu...jira mitii...sitti ulfaata..." jennee waakkachuu itti fufne.
Maal akka taane hubattee? "Waaqayyo siif jira, inni waan hundumaa gaarummaaf siif godha" yeroo jedhamnetti inni garaa nu hin geenye. Akka nu wajjin jiru beeknaam. Garuu inni gahaa miti jenne. Inumaa gatii isaa gadi buusne. Osoo Waaqayyo si wajjin jira jedhamnuu, nutis ni amanna jennuu nutti hir'ateetu dhiphachuu akka dhiisnuuf, akka jajjabaannuuf, akka gammadnuuf wanta biroo wayii barbaadna. Waaqayyo osoo nu gargaaruuf nu wajjin jiruu nuti garuu isatti hin quufnu, gatii gargaarsa isaa gadi buusna. Uumama akkamiiti nuhi?
Kitaaba Qulqulluu keessatti namicha ilmi isaa hafuura hamaan qabametu ture. Gara Gooftaa Iyyesuusitti fideetu "...yoo dandeesse nuuf ho'i, nu gargaari" jedha. Gooftaan Iyyesuus deebiseefii, "Yoo dandeesse jettee? Nama amanuuf wanti hundumtuu ni dandaa'ama" jedheen. Argitee? Gara Waaqayyoo gaafa deemtu "Ni danda'a moo hin danda'u, nan fayya moo hin fayyu, nan milka'a moo hin milkaa'u" kan jedhu filannoon lama hin jiru. Filannoo tokkichatu jira. Innis "Ni danda'ama" kan jedhu.--(Mar. 22-23)
Sabni Israa'el yeroo Waaqayyo gargaaree gabrummaa keessaa gara jireenya isa caaluutti isaan dabarsaa jirutti, osuma inni isaan wajjin jiruu, isaan gargaaruu, ajaa'iba baay'ee raawwatee, galaana gargar hiree karaa mijataa baasee isaan ceesisuuti, "Ijoollee keenya, horii keenya fixuudhaaf biyya Gibxii nu baastee?" jedhanii irratti guumgumani. Argitee? gochaa sana hundaaf galateeffachuu osoo qabanii, kun garuu garaa hin geenye. Tole jechuun, kabajee, yeroo kadhatan dhaga'ee kan isaan gargaaru osoo hin taane; hacuucee, tuffatee, rakkisee kan isaan bulchu filatani. Argitee amala keenya?
Silas nuti wanta yeroo hundumaa nu bira jiru gatii dhorkanna mitii? Inni waan nu gahu nutti hin fakkaatu. Isa biratti kan biraa hawwina. Waaqayyo osooma nu gargaaruu, osooma nageenya keenya eeguu, osooma wanta nu barbaachisu nuuf godhuu har'ayyuu isatti of hin amannu. Arrabaan malee lapheen keenya fagoo fagoo.
"Amanti-dhabina keenyatti inni nu haa gargaaru" qofa. --Mar. 9:24