💢 DHIBEE KINTAAROTII (Hemorrhoids)
⚠️ Mallattoolee Kintaarotii
🤕 Dhukkubbii yeroo baay'ee
🔥 Hooksisuu fi gubuu
🌵 Naannoo munnee dhiita’uu
🩸 Dhiiguu danda’a
📊 Sadarkaa Dhiitoo
1️⃣ Sadarkaa 1: Meeshadhaan malee hin mul’atu.
2️⃣ Sadarkaa 2: Yeroo hagan ykn ittanuu gadi baha, ofumaan ol deebi’a.
3️⃣ Sadarkaa 3: Yeroo harkaan ol deebisan ni deebi’a.
4️⃣ Sadarkaa 4: Ol hin deebi’u, gadi baheetuma hafu.
🎯 Sababoota Nama Saaxilan
👵 Umuriin ol siquu
🚽 Yeroo baay’ee ittanuu
💺 Yeroo Dheera mana fincaanii irra turuu
🍔 Furdinaa Dabaalu
🧳 Ba’aa ulfaataa yeroo dheeraa ol fuudhuu
🧼 Hudduu akka malee riguu
🧍♀️ Dhaabbannaa fi taa’umsa yeroo dheeraa
🤰 Ulfa
🚨 Rakkoolee Hordofsiisuu Danda’u
🩸 Hir’ina dhiigaa
🧱 Dhiigni dhiita keessatti itituu
🦠 Dhiitan 'infection' ta’uu
🩹 Madaa’uu
❌ Sagaara qabachuu dadhabuu
✅ Maloota Ittisa Kintaarotii
💧 Bishaan gahaa dhuguu
🥗 Soorata faayibarii (fiber) qaban fayyadamuu
🚽 sagaran yoo si qabee yeroo dhufu, tursisuu dhisuu
⚖️ Ulfaatina hir’isuuf yaali
🏃♂️ Sochii qaamaa gochuu
📦 Ba’aa ulfaataa yeroo dheeraa ol fuudhuu dhiisuu
🩺 YAALA KINTAAROTII
🥦 Soorata gogiinsa garaa ittisan fayyadamuu
💧 Bishaan sirritti dhuguu
🚽 Yeroo baay’ee ittanuu dhiisuu
🛁 Bishaan hoo’aa keessa taa’uun madaa tasgabbeessuu
🧼 Hagan booda bishaan ho’aan dhiqachuu
🚫 Gogaan hudduu akka hin haqamne eeggachuu
💊 Qoricha dhukkubbii hanbisu – ajaja ogeessa fayyaa irratti
💉 Qoricha buubbu keessatti kaa’amu
🌿 Qoricha naannoo buubbu dibamu
🏥 Yeroo barbaachisaa ta’ee yaala baqaqsaa (surgery) gochuu – ogeessa waliin mari’achuun gaariidha!
Dr. Mohammed Kedir
~~
#share #Subscribe #YouTube
👇👇👇
@JECHOOTAHAYYOOTA
Forwarded fromJECHOOTA HAYYOOTA
6
6
2July 21, 2026 1.5K 2