Yaa maqaa kee Haacee koo
Maqaa kee toltuu kana
Yaa garaa kee kormee koo
Garaa kee loltuu sana...
Dhugaaf dhaabattuu sana
Gumaa baafattuu sana!
Utuu si ta'ee yoona
Goota kee dhabdee hin raftu
Utuu si ta'ee yoona
Golatti cabdee hin haftu...
Utuu si ta'ee yoona
Xiiqiin kee saafaa abiddaa
Utuu si ta'ee yoona
Buddeena gumaa didda!
Kan qacceen dirra dhaanu
Gindii baattuu sangootaa
Irmii nyaattuudha nuti
Irmii nyaattuu dhalootaa!
By......Lata kenei
@JECHOOTAHAYYOOTA
@JECHOOTAHAYYOOTA
Forwarded fromJECHOOTA HAYYOOTA

15
2July 1, 2026 1.8K