DHUKKUBA_NERVII ☆☆☆☆☆ Dhukkubni narvii gosoota hedduu fi bal'aa of… — MADDA BEEKKUMSAA🌳 — TG.ME

Forwarded fromJEJECHOOTA HAYYOOTA
JECHOOTA HAYYOOTAPhoto
#DHUKKUBA_NERVII
☆☆☆☆☆
Dhukkubni narvii gosoota hedduu fi bal'aa of keessa qaba. Kana keessaa garuu kan yeroo baay'ee nama dhibuu fi kanan har'a kaasuu barbaade dhukkuba narvii kan gara alaa (peripheral neuropathy) kan jedhamudha.
Dhukkubni kun erga nama qabatee mallattoo akkamii argisiisaa?
Qaama keenya keessumaa miilaa fi harka keenya gubuu
Miira gara garaa kan akka dhukkubbii qaamni keenya dabarsuu dadhabuu ykn hadooduu.
Dhukkubbiin akka waraansa miila fi harka keessaa nama dhukkubuu
Qaamni keenya keessumaa miilaa fi harki keenya humna guutuun socho'uu dadhabuu ykn nuuf abboomamuu diduu.
Dhukkuboota kana yeroo hedduu maaltu nutti fidaa?
Dhukkuboota biroo keesumaa dhukkuba sukkaaraa
Hir'ina nyaataa keessumaa vitaaminoota B1 B6 B12
Sanyiidhaan ykn genetics
Alkoolii hedduu dhuguu
Miidhama qaamaa kanneen akka kufaatii, caba fi kkf kan narvii qaama keessaa kutuu cafaquu fi miidhuu danda'an.
Cafaqamuu (compression) narvii qaama keessaa kan sababa gara garaa akka dhukkuba dhiitaa qaama keessaa fi miidhama alaan nurra ga'urraa dhufu
Qorichoota dhukkuba biraaf fudhataman kan akka kaanserii; HIV fi kanneen biroo

#Akkamiin ofirraa ittisuu ykn gargaaruu dandeenyaa?

🙏Boqonnaa ga'aa fi sochii qaamaa ga'aa walitti fufaa ta'e gochuudhaan
🙏Nyaata madaalamaa ta'e haga dandeenye keessumaa kuduraaf muduraa nyaachuu qabna.
🙏Alkoolii kan dhugnu yoo ta'e xiqqeessuu ykn dhaabuu
-🙏Dhukkubsataa/ttuu sukkaaraa yoo taane qoricha nuuf kennamu seeraan fudhachuun giluukoosii qaama keenya keessaa bakka barbaadametti eeguu
🙏Dhangala'aa ga'aa dhuguudhaan hirriba ga'aa rafuu
🙏Yoo kana hundaan nutti fooyya'uu baate gara mana yaalaa deemuun qoricha fudhachuu qabna.
✍️ Dr. Mohammed Kedir
~~~~
@JECHOOTAHAYYOOTA
@JECHOOTAHAYYOOTA
❤12
June 5, 2026 2.3K 2