Waa'ee weera dhukkuba haarayaa amma mudate kana waan muraasa!… — MADDA BEEKKUMSAA🌳 — TG.ME

Forwarded fromJEJECHOOTA HAYYOOTA
JECHOOTA HAYYOOTAPhoto
Waa'ee weera dhukkuba haarayaa amma mudate kana waan muraasa!
************
Maalummaan dhukkubicha guutuu guututti adda bahuu baatus dhukkubni kun VHF tahuu akka hin oolle mallattoolee inni agarsiisaa jirurraa ka'uun shakkamaa jira. "Viral Haemorrhagic Fever " jechuun walitti qabaa dhukkuboota Vaayirasii garaagaraatin dhufaaniiti.Vaayirasiiwwan kunneenis:-
- Ebola Virus.
- Marburg virus.
- Yellow Fever .
- Lassa Fever isaan ijoodha. Dhukkuboonni kun heddumminaan naannoo tropical area tti deddeebin mul'atu. Weerara fiduudhanis beekamu.
Mallattooleen dhukkuba kanaa maali?
- Qaama gubaa
- Dhukkubbii buusaa
- Ballaqamsiisaa gadi teessuma(kan dhiiga makatellee ta'uu danda’a
- Dadhabbii qaamaa
- Dhiiga garaa qaawwa qaamolee garaagaraa (Afaan,funyaan gurra fi kabiroo)
Dhukkubni kun akkamiin daddarba?
- Nama dhukkuba kanaan qabame waliin tuttuqaa qabaachuu.
- Dhangala'aa namoota dhukkubichaan qabameen tiqamuu.
- Bookee busaa
- Hargansuudhanillee kan darban ni jiru.
- Nama dhukkubichaan du'e tuttuquu.
Dhukkubni kun hangi nama ajjeesuu isaa gosa Vaayirasii dhukkubicha fidee irratti kan hundaa'ullee ta'u ragaa hanga ammaa jiruun 25-90% ta'a. Kana jechuun nama dhukkuboota kanaan qabame dhibba tokko keessaa namni naannoo 25 hang 90 du'uu danda'u jechuudha. Yoo deeggarsi yaalaa hin godhaminiif.

Dhukkuba kana akkamiin ittisuun danda'ama?
- Nama dhukkuba kanaan qabametti baay'ee itti dhiyaachuu dhiisuu.
- Ilbiisota addaa addaa ittisuu fi farra ilbiisotaa fayyadamuu.
- Nama dhukkubichaan qabamuu shakkame adda baasuu fi kkf fa'a.

Dhukkubni kun yaala qabaa?
Dhukkuboonni kun yaala duubatti deebisu hin qaban. Wanti mana yaalatti godhamu deeggarsa ogummaa tokko tokko gochuu qofa. Deeggarsuma saniinuu garuu hanga tokko du'aatiin ni hir'ifama. Weerarri kun biyya keenyatti ka'e taanan balaa guddaa geessisa. Rabbi nutti hin fidin jenna. Cabsee Dhufnaanis waan dandeenyun dura dhaabachuuf qophiidha. Share godhaa! Share godhuun barreeffama kana nama biraan gahuun lubbuu baraarudha. Namoota itti dhiyaattan kan social media hin fayyadamnes afaanin itti himuun dhibee kana waliin haa ittisnuu.

Join
@JECHOOTAHAYYOOTA
@JECHOOTAHAYYOOTA
❤10
November 13, 2025 4.5K 5