Wal-igoo
(Walaloo cigoo)
“Ulaagaan ati lufte
Jabaa ta’us dadhabaa
Silaas utuu dhuftee
Ganamaan maal qaba!?”
Jennaan:
“Ganamaan nama hin amanu
Kaleessa’n amanee jiile
Ganamaan hin dhufu
Atumti dhaqiif’illee!”
Jette!
Nan dhaqa moo nan hafa
Ganamaanoo in rafaa!
Lalisaa Indiris Adam
1August 20, 2026 153