Adeemsa Haarawa takkaa Yaalamee hin beekne yeroo jalqabaaf biyyi keenya jalqabde
Dambali Multimedia August 23/26
Mariin Biyyoolessaa Itoophiyaa, kan Hagaya 8 hanga Hagayya 15, 2018 gaggeeffame karaa nagaa fi milkaa’inaan xumuramuu isaa arguun nama gammachiisa.
Mariin kun adeemsa seena qabeessa hawaasni, amantaa fi qaamotni adda addaa dhimma isaanii bilisaan dhiheessanii fi mari’atanii, wal hubachuu fi wal amantaa bu’uura kaa’an ture.
Adeemsa kana keessatti gaaffii fi yaada muslimaa itti gaafatamummaan bakka bu'aa turtan hundaaf, akkasumas milkaa'ina marii kanaaf gumaacha gootan hundaaf galata galata qabdan.
Rabbi nagaa, guddina, tokkummaa, fi wal hubannaa biyya keenyaaf nuuf haa kennu.
Karaan haaraan biyyi keenya Itoophiyaan hin yaalne kun fedhii fi hawwii Itoophiyaa hunda walitti fiduun bu’aa ajaa’ibaa galmeessisuun isaa ni yaadatama.
Yaadonni baay’ee adda addaa walitti fidanii waltajjii irratti mari’atamuu fi ajandaa marii irra caalaan irratti waliigaltee irra ga’amuun isaa biyya keenyaaf abdii fi milkaa’ina haaraa dha.
Waltajjiin marii kun garaagarummaa bu’uuraa fi gaaffilee lammiilee Itiyoophiyaa hundaa, kan baay’ee irratti mari’atamaa ture minjaala irratti fiduu danda’eera.
Waltajjiin marii kun dhimmoonni jibbaa fi ajjeechaa fi ormummaan furmaata argachuu hin dandeenye marii fi walitti dhiyeenyaan furmaata argachuu akka danda’an agarsiiseera.
Yaa’iin kun milkaa’inaan xumuramuun isaa biyya keenya Itiyoophiyaa fi ummata isheetiif milkaa’ina uumuu qofa osoo hin taane, biyya keenya bu’uura haaraa fi cimaa irratti ijaaruuf carraa nuuf ta’eera.
Qabxiilee konfiraansii kanarratti waliigalaman hojiirra oolchuun Itoophiyaa haqaa fi walqixxummaa, saba, amantii, sanyii osoo hin ilaalin itoophiyaanoonni hundi keessa jiraachuu danda’an akka jiraattu hojjechuun barbaachisaadha.
Qaamoleen Wal-tajjii kana milkeessuuf gahee isaanii bahatan hundi galatoomaa
Itoophiyaan eegereef
#Dambali_Media
👉Daandii Haqaa
Nu hordofaan dhaamsa keenya !