Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa eyyama miidiyaa maarsariitii kan Addis Standard Gurraandhala 24, 2026 kaasuun haquu beeksise. Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa Addis Standard naamusa miidiyaa, seera biyyaalessaafi “faayidaa biyyaa waan sarbu hojjechuun eyyama dhaabbatichaa haquu ibsa isaan beeksiseera.
Haa ta’uyyuu male ibsichi gabaasi Addis Standard kam murtee kanaaf akka isa geessise waanti eere hin jiru.
Xalayaa isaa harra ifoomseen, Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa Addis Standard gabaasawwan naamusa miidiyaa, seera Itoophiyaafi faayidaa biyyaalessaaafi ummataa balaa keessa buusan irra deddeebiin tamsaasaa ture jedhe. Kanas hordoffii irratti taasifamaa tureefi himata hawaasa biraa irratti dhiyaataa turuus ibsa isaa keessatti eereera.
Ibsi kun Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa Addis Standard hojii isaa “daandii diigumsaa” jedhe kanarraa akka deebi’uuf gorsi kennamuufii eeree, ta’us garuu yeroo gara garaa akeekkachiifni akka naamusa ogummaan hojjatuufi faayidaa biyyaalessaa bifa eeguun akka hojjatu himamuufis Addis Standard kan hin fudhanne jedhe.
Kanaafis eyyamni hojii miidiyaa Addis Standard Gurraandhala 24, 2026 kaasuun akka haqame ibsee, hawaasnis miidiyaan kun eyyama hojii akka hin qabne beeksisee jira.
Himata Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa dhiyeesse kana Qopheessaa Olaanaan Addis Standard Yoonaas Kadiir kufaa taasisee jira. Yoonaas, dhaabbatichi haga yoonaa sarbama seeraa raawwachuu isaa kan eeru of eeggannoon akka isa dhaqqabee hin beekne ibsan.
“Himanni Addis Standard irra deddeebiin of eeggannoon kennameefii ture jedhu haqa irraa kan fagaate. Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa badii kanaan duraa akkasumas tarkaanfiiwwan fudhataman ilaalchisee Kutaa Oduu Addis Standard’f waan beeksise hin jiru” jechaan Yoonaas dubbateera.
Dabaluunis maxxansaan Addis Standard, Dhaabbati Maxxansaa JAKENN kan Itti Gaafatamni isaa murtaaye mirga isaa kabachiisuuf filannoowwan gama seeraan jiran ilaalaa akka jirus Qopheessaa Olaanaan Addis Standard ibseera.
Tarkaanfiin kun, tarkaanfilee dhaabbilee miidiyaa biyyattii keessatti hojjetan irratti fudhatamaa jiru hordofee kan mudatedha.
Dhiyeenyas miidiyaa Waazeemaa Raadiyoo eyyama hojiisaa akka deebisu Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa taasisuun kan yaadatamudha. Dhaabbanni Waazeemaa Raadiyoos alas “murteen kun sirriidha jennee hin amannu, taatechi nu gaddisiiseera” jechuun ibsa baaseen ifoomsuun kan yaadatamuudha.
Dabalatas Gurraandhala 06, 2018, Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa eyyama gaazexeessitoota Rooyitarsi sadii haaressuu diduu Rooyitarsi ibsuunsaa ni yaadatama.
Kana malees eyyamni hojii gaazexeessitoota Dooche Veelee lama kan dhowwame yoo ta’u, kan gaazexeessitoota BBC’s akkasuma hin haaromfamin hafuun hojmaanni miidiyaa Itoophiyaa keessaa yaaddessaa ta’uu ibsa.
Gartuun kabaja mirga Gaazexeessitootaaf falmu sadarkaa walabummaa pireesii baasee tureen Itoophiyaa biyyoota addunyaa 180 keessaa 145ffaarra kaa’uunsaa ni yaadatama.
Bara 2011 hojii maxxansa Baruun kan hojii jalqabe Addis Standard yeroowwan darban dhiibbaafi hordoffiin irra gahaa tureera. Dhaabbatichi angawootarraa yoo aggaammiin akkasii irra gahu kun kan jalqabaa miti.
Fakkeenyaaf Eebla 2017 Poolisiin sakatta’iinsa tasaa waajjira Addis Standardfi mana jireenyaa hojjetaaa isaa tokko irratti gaggeessuun kan yaadatamudha. Wayita sanis hoji gaggeessitoota sadii saatii muraasaaf to’annaa jala kan oolfamanii turan yoo ta’u, meeshaalee akka laaptooppii, bilbilaafi meeshaalee odeeffannoon itti kuufamus to’ateeti ture.
Hojjettoonni alas to’annoo jala oolfaman yeroo muraasa booda gadi dhiifamanus, poolisiin garuu meeshaalee to’atee ture kunneen torbeef utuu hin deebisin tursee ture. Kunis kutaan oduu dhaabbatichaa akka saaxilamu taasiseera.
Wayita kun mudates gartuun mirga gaazexeessitootaaf falmu CPj’n odeeffannoowwan sakatta’iinsa tasaan argaman kunneen akkaataa hin malleen faayidaarra oluu malu jechuun sodaa qabu ibsuunsaa kan yaadatamuudha. AS