Akkamitti Sammuu Guddinaa (Growth Mindset) Ijaarrachuu Dandeenya?
Namoonni milkaa’an dandeettii dhalootaan qabu moo, amala qormaata irraa barachuu fi hojjechuutiin milkaa’u?
Akka Prof. Carol Dweck (barreessituu kitaaba Mindset: The New Psychology of Success) yaanni fi ilaalchi sammuu keenyaa bakka gurguddaa 2tti qoodama: Fixed Mindset (Sammuu Dhaabbataa—kan dandeettiin dhalootaan murtaa'a jedhee amanu) fi Growth Mindset (Sammuu Guddinaa—kan dandeettiin hojii, cichoomina fi barumsaan gudaata jedhee amanu).
Sammuu guddinaa ijaachuun dandeettii fi dhiibbaa keessoo keetii jijjiiruuf furtuudha. Akkaataa itti Sammuu Guddinaa qabaachuu dandeessu qabxiilee gurguddoo 5n armaan gadii kaniin qalbeeffadhu:
1. Qormaata fi Gufuuwwan Akka Carraa Guddinaatti Ilaali
Namoonni Fixed Mindset qaban qormaata irraa fagaatu; sababni isaas kufaatiin dandeettii keenya saaxila jedhanii waan sodaataniif. Sammuun Guddinaa (Growth Mindset) garuu qormaata akka 'isportii sammuu' fi carraa ogummaa haaraa itti gonfatanitti ilaala.
Yeroo gufuun si mudatu, "Ani kana hin danda'u" jechuu irra, "Qormaanni kun sammuu koo caalaatti ijaaraa jira" jedhii sammuu kee amansiisi.
2. Humna Jecha Ammaaf (The Power of "YET") Fayyadami
Jechi ati fayyadamtu ilaalcha sammuu keetii to'ata. Gaafa "Ani biizinasii/hojii kana hin danda'u" jettu, sammuun kee balbala cufa. Garuu gaafa jecha murteessaa "Ammaaf" (Yet) jedhu itti dabaltu, sammuun kee carraa fuulduraaf banaa ta'a.
Fakkeenyaaf: Ani teeknoolojii kana hin beeku jechuu irra, Ani teeknoolojii kana ammaaf hin beeku (I don't know it YET)" jedhii dubbadhu.
3. Adeemsa fi Carraaqqii Faarsi Malee Dandeettii Qofa Mitii
Carol Dweck akka ibsitutti daa'imman ykn namoota "Ati qaroodha/dandeettii qabda" jedhanii faarsuun Fixed Mindset uuma. Bakka sana, carraaqqii, cichoomina fi tooftaa isaan fayyadaman faarsuun sammuu guddinaa ijaara.
Ofis ta'ee namoota naannoo keetii "Bu'aa" qofarra carraaqqii, hojii jabaa fi cichoomina agarsiisaniif dinqisiifannoo kenni.
4. Kufaatii Akka Odeeffannoo fi Barumsaatti Fudhadhu
Sammuu Guddinaa keessatti kufaatiin eenyummaa kee miti; kufaatiin odeeffannoo (feedback) waa'ee tooftaa keetiif siif kennamuudha. Kufaatiin "Ati gahaa miti" siin hin jedhu; "Tooftaa kee jijjiiri" siin jedha.
Gaafa hojiin tokko harkifatu, "Ani kufeera" jechuu dhaabii, "Tooftaan koo isa kamtu fooyya'uu qaba?" jedhii madaali.
5. Milkaa'ina Namoota Biraa Irraa Baradhu
Namni Fixed Mindset qabu milkaa'ina fi guddina namoota biraatti ni hinaafa, ykn miira gadi-aantummaa dhiyeessa. Sammuun Guddinaa garuu milkaa'ina namoota biraa akka meeshaa barumsaa fi kaka'umsatti (inspiration) ilaala.
Nama milkaa'ee tokko gaafa argitu, "Akkamitti akka inni sana bira ga'e tooftaa isaa irraa maal barachuu danda'a?" jedhii gaafadhu.
Barnoota Akkanaa Dabalataaf Follow Godhadhu