Imaamu Ash-Shaafi’iin (Rabbi isaan irraa haa jaalatu) akkana ja’a:
"Dilii akka itti dhiifnu barbaanneeti—Salaata Duhaa keessatti arganne.
•Qabriin teenya akka nuuf iftu barbaanneeti—Qur’aana qara’uu keessatti arganne.
•Siraax irra saffisaan dabruu barbaanneeti—Soomanaa fi Sadaqaa keessatti arganne.
•Gaaddisa Arshii jala taa'uu barbaanneeti—Obboloota gaggaarii Rabbiif jecha wal jaallannu heddummeeffachuu keessatti arganne."
Wallaahi, namoonni erga ati duutee si irraanfachuun isaanii akka ati yaaddu caalaa sitti ariifata.
Har'umahu osoo lubbuun jirtuu, firoottan kee warri sitti dhiheenya qabu qofaatu yeroo tokko tokko "Abalu eessa jira?" Ja’anii si yaadatu.
Namuu dhimma jireenya isaanitiin shaakalamanii jiran.
Erga ati gara aakhiraa deemte duuba maal gaafatta ?
Maal Godhuu Qabna?
Hojii Gaarii baay’ifadhu: Karaa gara Rabbii keetitti si dhiheessu hunda keessa seeni.
Waan erga ati duutee si fayyadu—hojii gaarii facaafachuu fi Sadaqaa Jaariyaa (sadaqaa itti fufiinsa qabdu) hambifachuuf carraaqi.
Join 👇
╭┈─────────
╰┈➤ @bishaara_4
Forwarded fromBisharo Abdi official
July 17, 2026 439