Wanti guddaan gurbaan Tokko jaartii isaatiif kennu nyaata ,uffata fi… — Nashiida Mi'ooytuu™🎧 — TG.ME

Wanti guddaan gurbaan Tokko jaartii isaatiif kennu nyaata ,uffata fi waan isii barbaachisu dhiyeessuufi qofa miti, isiin akka gatii fi kabaja qabdu akka itti dhaga’amu godhuudha.

Dhiirti gariin dirqama maallaqaa fi meeshaa jaartiin isaa barbaaddu guutuufi qoftiidhaan maatii tasgabbaa'aa jaaruun ni danda'ama ja’anii yaadu; garuu waan ilmi namaa hundi waa hunda dura barbaadu kan biraa irraa ni dagatan: saniis jaartiin isaa jaarsa isii biratti nama kabajamuu fi dinqisiifamu tahuun isii itti dhagahamuudha, kunis wajjin jireenya dhooysaa qofaatti osoo hin ta'in, fuula namoota biraa durattiis ta'uu qaba.

Abbaan warraa jaartii isaa fuula maatii isaa fuulduratti gaarummaan dubbatuun, hojii isii joollee isaa fuulduratti galateeffachuuni, fi dadhabbii isiin jireenya isaa baadhachuuf laffaatu hiriyoota isaa fuulduratti galateeffachuun ; nageenyaa fi gammachuu maatii saniif qaama ta'uu isii akka taate isitti dhaga'amsiisa.
Oggaa akkanatti qooda isii hubate akka waan: "Ani siiniin boona, gaarummaa fi gumaacha kee amanee fudhachuuttis hin qaanfadhu." Jachutti jiruuti.

Gara biraatiin immoo, abbaan warraa tokko jecha qoosaa qalbii nama cabsuu fi tuffii ta'een namoota fuulduratti jaartii isaa salphisuun, ykn sadarkaa isii gadi qabuun, ykn nama kofalchiisuuf ja’e qoosaa namoonni itti koflan jachuun miira jaartii isaa cabsuun akka bultiin san diigamtu godha.
Madaan tokko tokko arraba dirree bahe qofaan nama arrabsuun hin argamtu, tuffii fi nama xiqqeeysuuniis ni uumamti.

Namni Tokko jaartii isaa namoota fuulduratti galateeffachuun Ulfina isaatiif ykn sadarkaa isaatiif hir'ina ja’ee yaaduun dogoggora.
Inumaa dhiirti kabajaa qabdu nama isaan cinaa dhaabbate galateeffachuu hin sodaatan; nama galateeffachuu fi haqa namni isaanirraa qabu himuu keessatti dadhabina osoo hin ta'in, amanamummaa fi galata beekuudha ja’aniiti fudhatan.

Oggaa akkana jannu fakkeessuu osoo hin taane gaarummaa jirtu dhugaan galateeffachuudha.
Yoo isiin nyaata qopheessite dadhabina isii galateeffachuudha; yoo joollee karaa gaariin guddifte carraaqqii isii himuudha; yoo isaa rakkate cinaa dhaabbatte, galata isiif galchuudha.

Haati manaatis abbaa warraa isiitiif akkanumatti miira isaa beeku qabdi; wal-galateeffachuun hariiroo isaanii kan walitti dhiheeysuufi namni hundi laffaatiin inni laffa’u ni mul’atti ni bekkamti jachuu akka namatti dhaga’amu godha.

Jechoonni joolleen abbaan isaanii oggaa haadha isaanii faarsu galata isii beeku dhaga'an, dubartoota akkamitti kabajuu akka qaban fakkeenya gaarii isaaniif ta'a deema, akkaasuma walitti dhufeenyi bultii keessatti abbaa warraati fi haadha warraa jiddutti akkamitti akka ta'u isaan barsiisa.
Maatiin maallaqa qofaan sadarkaa hin argattu, garuu maatiin Takka guddachuu fi lalisuu kan dandeeysu, yoo tokkoon tokkoon abbaa warraa fi haadha warraa akkuma qalbii keessatti wal jaalatan, fuula namoota fuuldurattis wal-olqabu fi wal-kabajuun argame qofaadha.
Dr Abdu Kariim Bakkaar.


Join 👇
╭┈─────────
╰┈➤ @bishaara_4
July 27, 2026 386