Haala asiin gadii irratti tiiyfachuun jireenya milkii guyyaa hundaati, gammachuu yeroo hundaati akkasuma jireenya bal’aa guutuu duniyaa fi Aakhiraati:
1. Salaataa Fardii yeroo irratti eeggachuu..
2. Haadha fi Abbatti tola oolu fi rahima maxxanfachuu.
3. Sunnaawwan Rawaatiba fi Salaata Witrii irratti tiiyfachuu.
4. Ibaadaa dabalataa (Nawaafila)—salaata, soomana fi sadaqaa— irraa sinqeeyfachuu.
5. Wirdii Quraanaa irratti tiiyfachuu.
6. Arjummaa, tola ooltummaa fi jecha gaarii baay'isuu.
7. Zikrii heddummeeysuu: (Subhaanallaah, Laailaaha illallaah, Allaahu Akbar...)
8. Qajeeloo fi fayyaa kadhachuu baay'isuu (Dua’ii)
9. Istighfaara baay'isuu: (Astaghfirullaah wa atuubu ilayhi).
10. Haqaa namootaa firraa kafaluu, nama haqa sirraa qabu ykn ati miite dhiifama gaafachuu , dhugaa dubbachuu fi du'aaf qophaa'uu.
Namni haalli isaa akka asiin olii kana tahe..
"Rabbii saatiin wal qunnamuu jaalate, Rabbiinis isa qunnamuu ni jaalata."
Join 👇
╭┈─────────
╰┈➤ @bishaara_4
Forwarded fromBisharo Abdi official
August 11, 2026 252